Godina Gujii Aanaalee hedduu keessatti mormiin gaggeeffamaa jiraachuun beekame.

Yeroo ammaa Mormiin hawaasaa bifa haaraa ta’een godinaalee Oromiyaa bakka gara garaatti itti fufe.

Hiriira mormii guyyaa Kibxata (Salaasaa) har’a magaalaa adoolaatti geggeeffameen wal qabatee miseensonni poolisii Oromiyaa Aanichatti argaman uummata irratti dhukaasa banuu, Reebicha raawwachuu fi namoota hidhaa akka turan dhaga’ameera.

magaalaa Adoolaa keessatti Poolisoonni Oromiyaa hawaasa hiriira bahan irratti dhukaasa banuun dargaggoonni 2 rasaasan rukutamanii Mana yaalaa seenuun waldhamaa jiraachuu madden gabaasaniiru.

Haaromfamuu heeyyama MIDROC GOLD Laga-dambiitiin wal qabatee mormiin hawaasaan godina Gujiitti torbaan darbe dhooye, ammas haalaan jabaatee itti fufeera.

Mormii kanaan Daandiileen gurguddoon magaalota godinichaa wal qunnamsiisan dhagaa fi mukeen gurguddaan cufamaniiru.

Lagannaan gabaas magaalota akka Shaakkisoo fi kanneen biroo keessatti gaggeeffamaa jira.

Mormii hawaasaa kana dhaabsisuuf humnoonni mootummaa Ummata irratti hidhaa fi reebicha gaggeessanis mormiin eegalame garuu bifa qindoomina qabuun cimee itti fufaa jiraachuu maddeen keenya Gujii irraa gabaasaniiru.

Mormiin sababa miidhaa warshaan MIDROC qaqqabsiiseen wal-qabatee dhohe Kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti bifa hawaasa hirmaachiseen babal’ataa jira.