Gargaarsi lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee keessaa buqqa’aniif taassifamu bifa adda addaan cimee itti fufe

Deggarsi lammiilee Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaa wajjin walqabatee liyyuu poolisii fi tikoota mootummaa federaalaan naannoo sumaaleetii buqqa’aniif taassifamu bifa adda addaan cimee itti fufeera.

Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee Lammiileen Oromoo qabeenya waggoota hedduuf itti dadhabanii horatan irraa saamuu fi barbadeessuun qe’ee isaaniirraa erga buqqisanii booda gargaarsi taassifamuuf cimee itti fufeera.

Lammiileen Oromoo biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraatan obboleewwan isaanii naannoo Sumaalee keessaa buqqa’aniif deggersa adda addaa garaagarummaa tokko malee gumaachaa jiru.

Hojjettoonni Waajjiraalee mootummaa naannoo Oromiyaa obboleewwan isaanii liyyuu Poolisii Sumaaleen qe’ee isaaniirraa buqqa’an rakkachuu hin qaban jechuun miindaa isaanii ji’a tokkoo arjomaa akka jiran himameera.
Haaluma kanaan, Hojjettoonni Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa, Barsiisonnii fi hojjettoonni Koolleejii Barnoota Barsiisotaa Asallaa , Intaerpiraayizii Ijaarsa Bishaanii, Ejensii Carraa Hojii fi Wabii Nyaataa Magaalotaa lammiilee Oromoo buqqa’aniif deggersa taassisaniiru.

Bifuma walfakkaatuun, Hojjettoonni Baankii Hojii Gamtaa ,Biiroo Koonistraakshinii ,Ejensii Galmeessii Qabiyyee Lafaa fi Ragaa Magaalotaa fi Waajjirri Qindeessa Projektii Sirna Qabiinsa Ragaa Lafa Magaalota Oromiyaas lammiilee isaanii deeggaraniiru.

Akkasumas, hojjetoonni Ejensii Teeknoolojii Quunnamtii Odeeffannoo ,Inistiitiyuutii Plaanii Magaalotaa , Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii akkasumas Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee lammiilee buqqa’aniif miindaa isaanii arjoomaniiru.

Koomishinii Mana Sirreessaa, Biiroo Daldalaaf Misooma Gabaa fi Komishinii Karooraa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa mindaa isaanii irraa gargaarsaaf kennaniiru.

Raawwiin deggersaa hojjettoonni waajjiraalee Oromiyaa sadarkaa naannoo qofaarra jiran obboleewwan isaanii buqqa’aniif hanga ammaatti gumaachan Birrii miiliyoona 29 fi kuma 100 fi kuma 79 ol gahuusaa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Dhalattoonni Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatan obboleewwan isaanii sababa walitti bu’iinsaan naannoo sumaalee keessaa buqqa’aniif deggersa gochaa jiran cimsanii itti fufaniiru.

Lammiileen Oromoo biyya keessa jiranis dhuunfaa fi gareen walgurmeessuun lakkoofsa baankii lammiilee naannoo Sumaaleetii buqqa’an gargaaruuf banametti maallaqa deggersaa arjoomaa akka jiran himameera.

Deggersi lammiilee Oromoo liyyuu poolisii fi tokoota mootummaa federaalaan buqqa’aniif taassifamu kun cimee itti fufuu akka qabu kutaaleen hawaasa Oromoo adda addaa waamicha dhiyeessaniiru.