Filannoon mootummaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru jijjiirama buuraa fiduu akka hin dandeenye beekkameera.

Dhiheessaa obbo H/maariyaam Dassaalanyiin muudamni mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti gaggeeffamaa jiru rakkoolee qabatamaan Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiraniif furmaata homaatuu fiduu akka hin dandeenye ibsameera.
Muudamaaa fi ragaasifama kaabinoota haarawaa obbo H / maariyaam Dassaalany qindeessan kanaan wal qabatee yaada isaanii kan kennan paartileen siyaasaa biyya keessa socho’aa jiran,wanti amma Addibilisummaa Tigraay (tplf) gochaa jiru kun haarawaa miti, waanuma duraan ture irra deebi’ee raawwachaa jira jechuun miidiyaalee sab-qunnamtii garaagaraatin ibsaniiru.
Itoophiyaa keessatti rakkoo siyaasaa wal xaxaa ta’e hiikun kan danda’amu filannoo harawaa haqaa fi dimokraatawaa ta’e gaggeessudha malee, angaawota TPLF teessoo taayitaa isaanii wal jala jijjiirudhaan furmaanni dhufu hin jiru jechuun dura taa’aa Koongirasii federaalistii Oromoo kan ta’an DR Mararaa Guddinaa VOA dhaan ibsa kennaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa angoowonni haarawa muudaman kunniin bu’aa kanaan dura galmeessanii fi muuxannoo qabaniin wal jijjiirraan taayitaa godhame jedhee ibsa kennus,paartileen mormitootaa gama isaanitiin,angaawota sirnichaa bakka wal jijjiirun ykn miseensota Ihadig haarawaan bakka buusuun gaaffii ummataa goonkuma deesuu hin danda’u jechuun ibsaniiru.
Ummatichi kan barbaadu angaawonni mootummaa biyya bulchaa jiruu akkuma jirutti angoorraa bu’anii filannoon haarawaan haqaa fi bilisa ta’e akka gaggeeffamuudha jechuun DR Mararaa Guddinaa VOA kutaa afaan Ingiliffaatif ibsaniiru.
Gaaffin ummanni Itoophiyaa guutuun gaafachaa jiru, poolisiin mootummaa ADWUI (IHADIG) guutumaan guututti geeddaramee jijjiiramni bulchiinsaa haarawaan akka dhufuudha malee sirnicha dulloomaa kana achitti suphuu ykn haaromsuu akka hin taanes DR Mararaan dabalataan ibsaniiru.
Haaluma wal fakkaatun miseensa paartii samaayaawii kan ta’an obbo Salamoon Tasammaa,VOA kutaa afaan Ingiliffaa waliin gaaffif deebii godhaniin,wal jijjiirraan taayitaa TPLF gochaa jiru gaaffii ummataaf deebii ta’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Waggaa digdamii shan guutuu kan hojjechaa turre bulchiinsa ol’aantummaa paartii tokkoo TPLF jijjiiruf malee achumatti isa haaromsuu ykn mana tokko keessatti teessoo jijjiiranii angaawonni ADWUI (IHADIG) kun akka itti fufaniif miti jechuun obbo Salamoon dabalataan ibsaniiru.
Hawaasni fi dhaabbileen idila addunyaa guutun mootummaan Itoophiyaa marii nagaa qaamolee siyaasaa hunda hirmaachisu akka taasisuuf gaafatus, mootummaan Itoophiyaa paartilee mormitootaa waliin taa’ee karaa nagaatin marii gochuuf heeyyamamaa ta’uu hin dandeenye.
Kaabinoonni haarawaan muudaman kunniinis akkuma jiranitti miseensa TPLF/IHADIG ta’uun beekameera.