.Duullii uggura boba’aa kan torbee darbe eegale ammaas cimee itti fufaa jira.

Ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa ittisuu fi sochii loltoota Agaazii dadhabsiisuuf qeerroon Oromoo tooftaalee fi tarsiimoo gara garaa yeroo irraa gara yeroo itti fayyadamuun qabsoo itti fufaniiru.
Haaluma kanaan, Uggurri boba’aa akka torbee darbe gaafa Bitootessa 4 irraa hanga bitootessa 11 bara 2010 guutuu biyyatti keessattu guutuu Oromiyaa tti labsamee ture mikii guddoon xumaramuu hubchuun ammaas dabalataan torbee tokkoo akka itti fufu qeerroon waaminsa dhiheessaniiru.
Uggurri boba’aa kun konkolaatota boba’aa fe’anii biyyoota alaa irraa seenuu fi konkolaatota biyya keessattillee boba’aa fe’an akka hin sochoonee fi abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonnis ajaja kana cabsuun yoo didanii darban ta’e Qeerroon tarkaanfii irratti fudhachuuf qophii ta’uu isaa ammaas irra deddeebiin hubachiisaniiru.
Duulli kun yeroo dabalataaf dheerachuun isaa milkiilee argaman itti fufsiisuun qabsoo Oromoo gara naannoolee birootti akka babal’atu gochuun dandahameera ja’ame.
Qeerroon muuxannoo uggura boba’aa torbee darbe naannoo Oromiyaa fii naannoo Amaaraa ti geggeeffamee irratti hundaawuun sochiin geejjiba boba’aa ugguruu akka naannoo biyatti biro keessatiis babal’atu taasisuun barbaachisaa tahuu fii duulli kun ammaas torbaan tokkoof cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Duulli Uggura boba’aa kun biyyattii keessatti rakkoo hanqina boba’aa guddaa uumuun oromiyaa keessatti bakkeen bufataalee boba’aa hedduun akka cufamanii jiran gabaafameera.
Mormii uggura boba’aa ilaalchisuun, Abboottin qabeenyaa fii konkolaachiftoonni baayyeen hujii dhaabuudhaan konkolaatota boba’aa fe’an tarree galchanii dhaabaniiru.
Sababaa Uggura kanaatiin kan ka’e hanga ammaatti konkolaatonni boba’aa fe’an biyya Jabuutii fii Suudaani irraa akka gara biyyaa hin sochoohin barameera.
Duulli uggura boba’aa kun diinagdee mootummaa abbaa irree wayyanee irratti dhiibbaa guddaa akka fidaa jiru xinxaltoonni siyaasaa diinagdee ibsaniiru.
Mootummaan wayyaanee,Tarkaanfii uggura boba’aa kana gufachiisuuf jecha gareen Komaad Poosti abbootti qabeenyaa human loltootaa gahaa isiniif qopheessina jechuun sochii godhuun bakkee tokko tokko konkolaatota boba’aa loltootaan marsanii akka geessaa jiran gabaafameera.