Dr. Mararaan Guddinaa himannaa Abbaan Alangaa irratti dhiyaaseef ittisa dhiyeeffatan.

Hogganaan paartii Federaalistii Oromoo fi hayyuun siyaasaa Dr Maraaraa Guddinaa afeerraa parlaamaa gamtaa Awurooppaa irratti hirmaatanii gara biyyaatti wayita deebi’an loltoota mootummaan qabamanii erga hidhamanii ji’oonni muraasni darbaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa Dr Maraaraan labsii yeroo hatattamaa waan darbaniif hidhaman jechaa turus amma garuu yakka shororkeessummaan ifaatti isaan himateera.
Dr Maraaraan yakkaa shororkeessuummaa Abbaan Alangaa ittiin isaan himate kana ofirraa ittisuuf ittisaa barreeffama Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti garaa abukaatoota isaaniin dhiyeeffataniiru.
Dr Maraaraan Ittisa dhiyeeffataniin porofesaar Birihaanuu Naggaa fi obbo Jawaar Mahaammad biyyaa alaa waan jiraataniif himannaan isaanii himatamtoota kanneen wajjiin ilaalamuu hin qabu jedhaniiru
Dr Maraaraan hogganaa paartii siyaasaa karaa seeraatiin biyya keessatti galma’ee nagaan qabsa’u waan ta’eef, himannaan isaanii himatamtoota lammaffaa fi sadaffaa wajjiin ilaaluun bu’ura seeraa gahaa ta’e akka hin qabne abukaatoonni isaanii ittisaa dhiyeessan kanan beeksiisaniiru.
Himannaan kun himatamtoota lammaffaa fi sadaffaa wajjiin ilaalamun mirga Dr Maraaraa Guddinaa hatattamaan haqa argachuuf qaban kan dhiphisu waan ta’eef adda bahee akka ilaalamu abukaatoonni isaanii barreeffama ittisaa kanaan gaafataaniiru.
Himaannaa abbaan Alangaa ittin isaan himate guutu akka hin taanees himameera.Abbaan Alangaa Dr Maraaraa Guddinaa himatamtoota lammaaffaa fi sadaffaa wajjiin adda durummaan yakka raawwataniiru jechuun himateera.
Abbaan Alaangaa Dr Maraaraa Guddinaa dimishaashaan yakka raawwatan jechuu himachuu malee eenyuu wajjiin , eessaatti fi Yoom akka raawwatan gaaffii jedhuuf deebii hin qabu jechuun abukaatoonni isaanii mormaniiru.
Himannaan dimishaashaa kun immoo himataman carraa yakka himaannaa kana ofirraa ittisuuf qaban kan dhoorkuu fi seera adeemsa himannaa yakka Heera Itoophiyaatiin himaannaa guutuu waan hin taaneef sababa kanaan manni murtii akka hin fudhanne abukaatoonni isaanii gaafataniiru
Manni murtichaa Ittisaa Dr Maraaraa Guddinaa erga dhaggeeffatee booda yaada Abbaa Alangaa dhaggeeffachuuf Ebla 26,2009f beellameera.
Abbaan Alangaa Dr Maraaraa Guddinaa yakka shororkeessummaan himatamtoota lammaffaa fi sadaffaa wajjiin himachuun dhugaa jiru dhooksuun isaan miidhuuf itti yaadame qondaltootaan akka qindeeffame xinxaltoonni siyaasa dubbataniiru.