Naannoo Beenishanguul-Gumuuz Godina Matakaaliitti dhalatoonni Oromoo aanaalee Wanbaraa, Diibaxii fi Bulaan keessa jiratan heera mootummaa keeyyaata 53 fi 61 bu’uureeffachun gaaffiin ofiin-of bulchu isaani odeeffannoo midiyaalee hawaasaa irraa tamsa’an irraa baruun dandda’ameera.
Heerri Mootummaa Itoophiyaa Sabaa fi sablamoonni mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka qaban waan eyyamuuf, dhalattoonni Oromooo aanaalee sadeen keessatti argaman gaaffii ofiin-of bulchu gaafachuun xalayaa mana marii Federeshiiniif bareessaniirra hubatameera.
Abootiin Oromoo baay’een jaarraa 16ffaa jalqabe Wallaaggaa Bahaa fi Lixaa laga Abbaayyaa ce’uun hanga daangaa Sudaan jiraachaa akka turan seenaan akka mirkaneesu xalayaan isaanii kanan ibsaniiru.
Ragaa seenaa malee haala qabatamaa lafarra yeroo amma jirun dhalatoonni Oromoo baay’een Seenaa, Afaan, Aadaa fi Duudhaa isaanii qabachuun aanaalee Wanbaraa, Diibaxii fi Bulaan keessa jiraachaa akka jiran xalayaa mana marii Federeshiiniif bareessaniirra hubatameera.
Qondaltoonni Naanniichaa keessattu kan godina Matakaal baay’iinni lakkofsa dhalattoota Oromoo godinicha keessa jiraatanii akka hin beekamneef yeroo adda addaa hir’isaa jiraachuusaanii beeksisaniiru
Yaa ta’u malee, yeroo ammaa baay’inni lakkofsa Dhalattoota Oromoo kuma 100 fi kuma 50 hanga kuma 200 tti akka tilmaamu xalayaa gaaffii ofiin of bulchuu mana marii Federeshiiniif bareessan kanarra hubatameera.
Dhalattoonni Oromoo kunniin akkuma saboota biyyaatti biroo guddinaa biyyaaf gahee isaanii gumaacha akka turan himaniiru.
Haaluma kanan daangaa biyyaatti weraara biyyaa alaa irra eeguun Itoophiyaa har’aa ijaaru keessattti gahee guddaa akka gumaachaan beeksisaniiru.
Bu’aa qabsoo sabaa fi sablamoota Itoophiyaa kan ta’e Heerri Mootummaa bara 1987 ragga’ee hojiirra oole mirga ummata biyyaatti kan kabachiise ta’us himaniiru.
Yaa ta’u malee, dhaltoonni Oromoo aanaalee sadeen keessatti argaman mirga heera mootummaa gonfatan kana qondaltoonni naanniichaa akka isaan dhoorkatan xalayaa isaaniin beeksisaniiru.
Mirga heera mootumaa Itoophiyaa fi waliigalteewwaan addunyaa biyyaattiin kabajuuf mallatteesite kan akka mirga Siivil ,Siyaasa, diinagdee, hawasummaa fi mirga aadaa ofii guddifachuu jedhu dhalattoonni Oromoo aanaalee sadeenii dhabaniiru
Heera mootummaaa akkasumas waliigalteewwaan addunyaa biyyaattin kabajuu fi kabachiisuuf mallatteesite naannoonnoo Beenishaanguul-Gumuuz keessattu bulchiinsi Godina Matakaal hojiirra oolchuu waan dideef gaaffii ofiin- of bulchu akka gaafatan hubatameera.
Dhalatoonni Oromoo aanaalee sadeen keessa jiraatan ofiin -of bulchu hafee miidhaa fi gadadoo guddaa gama bulchiinsaan isaan irratti raawwatamu dubbachuuf carraa akka dhaban xalayaa kanan beeksisaniiru.
Aanaalee Wanbaraa, Diibaxii fi Bulaaniitti lakkofsi dhalatoota Oromoo caalmaa kan qabu ta’u osoo beekamu sadarkaa naannoo fi Federaalaatti bakka bu’aa tokkolee akka hin qabne himaniiru
Dhalatoonni Oromoo aanaalee sadeen keessatti argaman gaaffii ofiin-of bulchuu dabalatee Afaan ofiin barachuu, Aadaa ofii guddifachuu fi Afaan ofiin waaqeffachuu akka danda’aniif Mana marii Federeshiinii xalayaa gaafataniiru
Waliigalaatti mootummaa naanniichaan dhittaan mira Siyaasa, Hawaasummaa , Diinagdee fi Aadaa ofii akka hin guddifaneef irra gahaa jiru yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef mani marii Federeeshiinii rakkoo isaanii kana hubachuun gaaffii ofiin- of bulchuu akka eyyamuuf dhalattoonni Oromoo gaafataniiru.