Dhaabbati Fayyaa Addunyaa balaa Iboolaa Riipbiliik Dimookoraatawaa Koongootti babala’achaa jiru irratti marii hatattamaa gochuuf.

Marii kanarratti labsiin fayyaa yeroo hatattamaa irratti xiyyeeffatuu fi dhimmicha irratti tarkaanfii fudhatu ni murteeffama.

Hanga ammaatti namootni 44 qabamuufi 23 du’uun qoratamaa jira.
Namooti baayyeen baadiyyaa jiraatan kan qabaman yoo tahu magaala Mabaandaakaatti namni tokko qabamuun mirkanaa’era.
Magaalaa wiirtuu geejjibaa naannoo laga Koongoo jirtuufi namoonni miiliyoona tokko tahan kessa jiraatanitti kan mul’ate, gara magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaatti akka hin babal’anneef sodaatamaa jira.
Akka qondaalli gameessa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa jedhanitti dhibeen kun Maabaandaakaatti mul’achuun baayyinaan tamsa’uu waan agarsiisuuf biyyattiin yaaddoo keessa jirti.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayirektera itti aanaa tarkaanfii hatattamaa kan tahan Salaamaa, Mabaandaakaan naannoo laga Kongootti argamuunshee dhukkubicha gara Koongoo-Biraazaavilii fi gara magaalaa Kinshaasaa uummata miliyoona 10 qabdutti carraan tamsa’uusaa dabalee jira jedhan.
Dhukkubni iboolaa bara 2014-16 tti Afrikaa dhihaatti mula’te, Giinii, Seerali’ooniifi Laayibeeriyaatti namoota ajjeesee ture.
Akka Dhaabbati Fayyaa Addunyaa jedhutti dhibeewwan Iboolaa qorannoo jala jiran keessaa 3 adda ba’anii beekamaniiru, 20ni kan dhugoomuu danda’uu fi 21 ammoo shakkiin kan jiraniidha.
akka obbo salaamaan jedhanitti dhibeen kun gara magaalaa kanaa kan dhufe namoota sirna awwaalaa warra iboolaadhaan du’anii kibba magaalattiitti awwaalamanii irratti hirmaataniidha .
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa hojjettoonni fayyaa namoota 430 kanneen dhibee Kanaan tuttuqqii qaban adda baasaniiru jedha.
Ammallee namoota tuttuuqqii qaban hanga 4000 Kaaba Lixa Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti adda baasuuf hojjechaa jiraachuus beeksisee jira.