Dhaabbanni Human Right Watch ajjeechaa ayyaana Irreechaa bara darbee irratti qaqqabe Ilaalchisee gabaasa dhiyeesse

Dhaabbanni Human Right watch ajjeechaa lammiilee nagaa ayyaana Irreechaa kabajuuf Hora Arsadee irratti walgahan irratti raawwatame ilaalchisuun gabaasa fuula 33 qabu baaseera.

Lammiileen Oromoo waaqa dukkana gannaatui gara Booqaa birraatti nagaan isaan ceessise galateeffachuuf ayyaana Irreechaaf bahanirratti tarkaanfii loltoonni mootummaa fudhataniin namoonni baay’een ajjeefamaniiru.

Namoonni ayyaana Irreechaa kabajachuuf magaalaa Bishooftuu Hora Arsadii irratti walgahan tarkaafii humnoota mootummaa jalaa miliquuf osoo fiiganii boolla keessatti kufuu fi wal irratti kufuun akkasumas haroo keessatti kufuun akka du’an dhaabbatichi gabaasa isaa kanaan beeksiseera.

Kana malees namoonni biroon rasaasa humnoonni mootummaa dhukaasaniin akka ajjeefaman dhabbatichi ragaalee adda addaan mirkaneeffachuusaa himeera.

Humnoonni mootummaa daandii guddaa naannoo haroo Arsadiitii baasu waan cufaniif namoonni baay’een kara ittiin bahan dhabuun caccabuusaanii gabaasichi mul’iseera.

Uummanni Oromoo bara dheeraaf waggaa waggaan Ayyaana Irreechaa kabajataa kan ture ta’us, balaan suukanneessaan wayita qaqqabu kan bara darbee isaa jalqabaa akka ture dhaabbatichi yaadachiseera.

Mootummaan Itoophiyaa lakkoofsi lammiilee sababa balaa kanaan ajjeefamanii 55 jechuun kan yaadatamuu dha.

Hoggantoonni paartilee mormitootaa gamasaaniitiin, lakkoofsi namoota ayyaana Irreechaa irratti ajjeefamanii 700tti akka dhiyaatan himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waggaa tokko guutuu tarkaanfii humnaa olii lotoonni fudhatan kana qulqulleessuu yookaan immoo qaama bilisaan akka qulqulleeffamuuf akka hin eyyamne Human Right Watch beeksiseera.

Mootummaan hidhattoonni meeshaa waraanaa hidhatan naannoo haroo Arsadii akka hin turre himus loltoonni mootummaa baay’een meeshaa waraanaa hidhatanii akka mul’atan viidiyoo naannichatti waraabamerraa hubachuun akka danda’ame dhaabbatichi himeera.

Mootummaan Itoophiyaa sagaleen rasaasa dhuka’ee tokkollee akka hin turre himus, viidiyoo wayita balaan kun qaqqabu waraabamerraa dhukaasni akka turee fi namoonni rasasaan ajjeefamusaanii hubatameera.

Namoonni baay’een rasaasa hidhattoonni mootummaa dhukaasaniin ajjeefaman akka turanis namoota ijaan arganirraa akka mirkaneeffate Human Right watch gabaasa baase kanaan beeksiseera.

Kabaja Ayyaana bara kanaa irratti hidhattoonni tarkaanfii humnaa olii fi madda jeequmsaaf sababa ta’uu malan akka hin fudhanne mootummaan gamanumaan akeekkachiisuu akka qabu dhaabbatichatti qorataa olaanaan Afriikaa Felix Horn hubachisaniiru.

Loltoonni Mootummaa tarkaanfii suukanneessaa bara darbe ayyaana Irreechaa irratti fudhatanii turan kabaja ayyaana bara kanaa irratti irra deebi’uun balaa biraa akka hin qaqqabsiisne gaafataniiru.

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa karaa nagaatiin akka kabajamuuf mootummaan tarkaanfii jeequmsaaf ka’umsa ta’anirraa of-qusachuun kabaja ayyaanichaa milkeessuu qaba jedhaniiru.