Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Oromoo Doktor Abiyi Ahimad Dura Taa’aa Dhaabbatichaa gochun muudeera.

Koreen Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo Dr.Abiy Ahmad dura taa’aa obbo Lammaa Magarsaan immoo itti -aanaa dura taa’aa dhaabbatichaa gochun muudeera
Muudamni haaraa hirmaannaa fi fayyadamummaa Ummata Oromoo fi biyyaatti mirkaneessuuf yaadametti jedhameera
Akkasumas sadarkaa qabsoon dhaabbatichaa fi Ummata Oromoo yeroo amma irra gahe gara sadarkaa ol’aanatti ceesisuuf jecha ramaddiin sireeffama hoggansaa taasifamuusa himameera
Hoggantoonni muudaman kunniin fedhii fi dantaa ummata naanniichaa fi biyyaatti caalatti mirkaneesuuf ni hojjetu jedhamanii kan abdataman ta’uu ragaaleen odeeffannoon weebsaayiitii dhaabbatichaarra argame ni mul’isa.
Obbo Lammaa Magarsaa Itti-aanaa Duraa taa’aa dhaabbatichaa fi Pirezedaantii Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ta’un akka itti fufan himameera
Dhaabbatichi yeroo murteessaa kanatti sireeffama ramaddii hoggansaa gochu kan barbaachiseef dhaabbaticha bakka bu’uun nama ministiira muummee biyyaattiif dorgomu qopheessuuf akka ta’e shakkameera.
Akka Heera mootummaa Itoophiyaa fi hojiimaata Adda dimokirasummaa waarraqsaa Ummattoota Itoophiyaatti Ministirri muummee miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa fi dura taa’aa addichaa ta’u qaba jedha.
Pirezedantiin Naannoo Oromiyaa fi ummata biyyaatti baay’ee biraatti yeroo amma fudhatama guddaa argachaa kan jiran obbo Lamma Magarsaa miseensa Caffee naannoo Oromiyaa waan ta’aaniif haala heera biyyaattiin ministiira muummeef dorgomu hin danda’an
Qondaltoonni waayyaannee heera biyyaatti sababeeffachuun bakka bu’aa Dh.D.U.O dorgommiin alaa gochu waan danda’aniif durasaanii qaawa jiru cufuun barbaachiisa akka ta’e kan deeggaran jiru.
Dr Abiyi Ahimad miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa waan ta’aniif taayitaa ministiira muummeef dorgomuuf carraa guddaa waan qabaniif dura taa’aa dhaabbaticha ta’uun muudamuun isaanii qamooleen deeggaran jiru
Yaa ta’u malee, heera biyyaatti qondaltoonni waayyaannee waggoota 27n darbaniif akka bishaan jallisii bitaa fi mirgatti dabsaa itti fayyadamaa turan amma fioyyeessuun maaliif hin danda’amne jechun namoonni murtii Dh.D.U.O morman jiru
Miseensi Koree hojii raawwachistuu Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayii fi diinni Ummata Oromoo obbo Getaachoo Raddaa obbo Lammaa Magarsaa Ministiira Muummee akka hin taaneef waanti dhoorku akka hin jire Bilumbargiitti himaniiru
Obbo Getaachoon shira waayyaanneen xaxxeen qondaltoota Oromiyaa gowwomsuuf dursaanii yaada kana kennu malu shakkiin jedhus jira.