Sababa Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo kuma hedduu naannoo Sumaalee jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aniiru.
Lammiileen kunniin qabeenya waggoota hedduu horatanii fi mana o’aa maatii isaanii wajjiin jiraacha turan keessaa badii tokko malee hidhatootaa naannoo sumaaleen akka buqqa’an hin beekamaa.
Lammiileen Oromoo biyyaa keessaa fi biyyoota alaa jiraatan yemmoo lammiwan isaanii naannoo Sumaaleetii akka buqqa’an dhaga’anii jalqabee deeggarsa maallaqaa fi akaakuu gumaachun birmataniiru ammas biramacha jiru.
Gargaarsi Lammiilee Oromoo buqqa’aniif bifa akaakuun taasifamu malee deeggarsi maallaqaa birrii miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 51 waada galamuusa ragaaleen mul’isaniiru.
Gargaarsa maallaqaa lammiilee Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aniif waada galame keessaa birriin miiliyoona 60tti dhiyaatu lakkofsa heerrega Baankii lammiilee buqa’an gargaaruf banametti akka galee himameeraa.
Haaluma kanan Abbaan qabeenyaa obboo Yammirruu Naggaa Dambal maqaa Kaampaanii Abbaayaa Galaanaa Agroo Industriitiin birrii miiliyona 5 obboleewwan isaanii naannoo sumaalee irra buqqa’aniif gumachaaniiru
Abbaan Qabeenyaa ”Alsam PLC’ Obbo Saabir Argawu gamasantiin, birrii Miilyoona 2 lammiilee oromoo badii tokko malee naannoo Sumaaleeti akka buqqa’an taasifmaniif gumaachun aantummaa isaanii mirkaneesaniiru
Abbootiin qabeenyaa kunniin gara fuulduraattis hanga lammilee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’an of- danda’anii jireenya tasgaba’aa jiraachuu jalqabaniitti deeggaruuf waadaa galaniiru.
Baankiini fi inshuraansiin Awash international wal ta’uudhan birii miliyoona 35 akka gumaachan gabasamuun isaa hin yaadatama.