Bulchinsa naannoo Oromiyaa keesstti tajaajilli Intarneetii addaan cituu TV OBN gabaase.

Odeeffannoolee jiru akka jiraattonni waliif hin dabarsineef jecha intarneetii guutuu Oromiyaatti addaan kuataniiti jiran
Tajaajilli Intaneetii bulchinsa naannoo oromiyatti addaan cite kun dhaabbiilee Yunivarsitiilee fii Televiziyoona naannoo irrattis rakkoo guddoo geessee akka jiru ibsameera.
Erga labsii yaroo muddamaa labsamee booda humni raayya ittisa biyyaa fii poolisiin federaalaa baayyinaan bulchinsa Oromiyaa keessa sochoohaa odoo jiranii sababaa maalif tajaajila intarneetii akka addaan cite hin baramne.
Akka Televiziyoonni OBN gabaasetti, dhaabbanni mootummaa Itiyoo Teleekoom tajaajilli Intarneetii maalif akka addaan cite jiru wanni ibsan hin jiru.
Sababaa tajaajilli addaan citeefi maal akka tahe baruuf baallamni obboo Abdurahmaan Ahimad itti gaafatamaa qunnamtii hawaasummaa dhaaba Itiyoo Teleekoom wajjiin qabamee ture qunnamuuf tattaaffiin bilbilaan godhame obboo Abdurahmaan bilbila isaa kaasuu dhiisuun milkaawuu dhabeera.
Addaan cituun tajaajila intarneetii Yunivarsitii Adaamaa dame Saayinsii fi Teeknologii irratti rakkoo guddaa akka uume bulchitoonni Koollejii fii barattooni ibsaniiru.
Dhaabbanni Televiziyoona OBNs rakkoo intarneetii iraan kan ka’e sagantaalee qopheessan akka barbaachisutti hijjachuu akka hin dandahin himaniiru.
Jiraattonni fii dhaabbooleen gara garaa addaan cituu intarneetii kanaan rakkoon hujii isaanii irra akka geessee jiru gadda cimaan dubbachuun isaanii dhagahameera.
Jiraataan yaada kennate tokko, hujiilee isaatiif intarneetiin barbaachisaa ijaa taheef intarneetii barbaacha magaalaa Adaamaa irraa magaalaa Finfinnee deddeebi’uun hojjachaa akka jiru ibseera.
Erga Labsi Yaroo Muddamaa labsamee booda oromiyaa keessati dararaan cimtuun jiraattota nageenyaan jiraatu irra gayuun hedduuniis hidhamaa jiraachuun barame.
Bifuma wal-fakkaatuun, Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godinaa Booranaa magaalaa Moyyaalee keessti gaafa Bitootessa 10 bara 2018 namoonni 11 raayyaa ittisaa motummaan ajjeefamuu fi kanneen biroon 15 madaa’uun, jiraattonni hedduun qe’ee jireenyaa isaanii dhiisanii gara biyya keeniyaatti baqachaati jiran.