Bulchiinsi Mootummaa waayyaannee maallaqaa baankii biyyoota alaarraa maqaa dhaabbilee adda addaan liqeeffate sababa hanqina sharafa alaan kaffaluu akka hin dandeenye himame.

Bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa maqaa pirojektoota adda addaan baankiiwwaan biyyoota alaarra dolaarii miiliyoona heddu liqeeffateera
Maallaqani liqiin argame kun dhala guddaa wajjiin yeroo murta’ee keessatti kaffalame kan xumuramu
Ragaan gara Oromiyaa miidiyaa neetwoorkiin argame akka mul’isuuttu, Korporeshiniin humna ibsaa Itoophiyaa ijaarsa hidhaa haaromsaa, Giibee sadaffaa fi Pirojektoota biroof maallaqa liqeeffate sababa hanqina sharafa alaan kaffaluu hin dandeenye.
Korporeshiiniin Humna Ibsaa Itoophiyaa ji’aa Amajjii fi guraandhalaa darbe liqii dolaarii miiliyoona 60 fi yuuroo miiliyoona 83 sababa hanqina sharafa alaan kaffaluu akka hin dandeenye hoggantuun korporeshiniichaa Injinaar Azeeb Asinaaqaa xalayaa miniisteera maallaqaaf barreessaniin beeksisaniiru
Sababni kaffaluu dadhabaniif immoo baankiin biyyaaleessa sharafa alaa eyyamuu waan hin dandeenyeef jedhan
Minsteerri Maallaqaa fi misoomaa Diinagdee Dr Abrahaam Takastaa rakkoo kana furuurra gara baankii Biyyaaleessatti deebisuu akka filatan gaabafameera
Maallaqaa liqiin argame kana kaffaluu dhabuun rakkoo mataasa kan qabu fi liqii hafe argachuuf rakkisaa akka ta’e himameera
Dhimmicha gargalchaan akka beekan kan tasifaman hogganaan Boordii Korporeshiiniichaa Doktor Dabratsiyoon Gabramikaa’eel gama sanitiin, deebii ”dhiisa waan fidaan hin jiru” jedhu akka kennan beekameera
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee hojjattoota imbaasiwwaan biyyaatti biyyoota adda addaa keessa jiraniif waan kaffalu waan dhabeef sababa dhiyeessa lafa Invastimantii jedhun dhalattoota Itoophiyaa biyyaa alaa jiraataniirra maallaqaa sassabachuuf karoorfateera