Biyyiti Ameerikaa mare biyya Kooriyaa Kaabaa wajjiin godhuuf karoorfame haquun barame.

Biyyiti Kooriyaa Kaabaa dhimma Niwkuleeraa irratti dhiibbaa Ameerikaan irra keessuun kan wal-qabateen, wal-ga’iin Peresedaant Tiraamp wajjiin Kooriyaan Kaabaa qindeeyfatte ture akka haquu dandeeysu torbee kana keeysa hubachiifteera.

Haaluma kanaan wal-ga’iin akka lakkoofsa Faranjootaa Waxabajjii 12 Siingaapoor keessatti Peresedaantii Ameerika fii Kooriyaa Kaabaa giddutti ni ta’a jedhamee eegamaa ture kan oduu ijoo adunyaa ture haqamee jira.

Mare seena qabeeysa biyyoota lameenii kun gufachuun hooggantoota Kooriyaa Kaabaa baayyee dallansiisuu oduun baatu ibsaa jira.

Perezidant Tiraamp marii dura irratti waliigalan haquu isaanii xalayaadhaan Obbo Kimitti erganii turan.

Erga Xalayaan Tiraamp Kooriyaa kaabaa geeyse akka Qondaalli Yunaayitid Isteet ibsa kennanin Kooriyaa Kaabaa irraa waan gaarii argaa akka hin jirre ibsaniiru.

Peresedantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Jee Iin haalli mareen biyyoota lameenii kun bifa kanaan haqamuun waan hin eegamin jechuun, gocha kana itti gadduu isaanii ibsanii jiru.

Gara biroon immoo, yeroo amma odeeyfannoon kun nu ga’ee jiru tti Peresedaanti Tiraamp hireen wal-ga’iin biro itti qindaa’uu danda’u akka jiru ibsuun gabaafamaa jira.

Biyyiti Kaaba Kooriyaa mare biyyoota lamaan wajjiin geggeeysiteen mi’a Niwluleeraa kanneen qabdu hir’isuu ibsuun buufata Shaakala Niwkuleeraa sadii dhoosuu gabaasuun keenya kan yaadatauudha.