Biiya Libnaan keessatti lammiin Itoophiyaa takka warra ishee hojjachiisuun reebamtee daandii gubbatti darbamte.

Aaddee Hawwii Guddataa dhalattuun Naannoo magaalaa Amboo kan biyya Libnaan ti warra ishe hojjachiisuun reebamtee daandii gubb irratti darbamte umreen ishee waggaa 20 gadi ta’uun barameera.
Aaddee Hawwiin hojjachiistuu ishee saaraa jedhamtuun reebamtee magaalaa Beeyruut tti daandii gubbaa dhiiga dhangalaasaa deemaa akka turte ragaan mul’iseera.
Lammiileen Itoophiyaa kanneen Aaddee Hawwii ishee dhiiga dhangalaasaa deemtuu argan waajjiraa Mootummaa Gamtoomanii bilbiluun ambulaansiin waamamee mana Hoospitaalaa akka geeffamte barameera.
Addee Hawwiin magaala Beeyruut keessa ji’a 10 hojjatuus hojjachiiftuun mindaa ishee akka hin kenneniif ibsiteera.
Xayyaarri Itoophiyaa guyyaa tokkotti yeroo lama balali’uun biyya Libaanan ga’uun guyyaa tokko keessatti hojjattoonni biyya seenan baayyee ta’uun barameera.
Jiraataan biyya Libaanan lammiin Itoophiyaa tokko akka himetti guyyaa guyyaan hojjatoonni lammiileen Itoophiyaa Libaanan siinan wrra umriin isaanii dargaggummaa keessa jiran ta’uu ibseera.
Haa ta’uu garuu, lammiileen Itoophiyaa paaspoorti isaanii irratti umrii woggaa 25 fii 27 akka garee isaan hujiif qaadhimtuun horii argachuuf jecha ta’e ja’amee barreeffamu gabaafameera.
Aaddee Hawwii Guddataa yeroo amma kana Hoospitaala Yunivarsitii Rafiiq Hariirii keessatti tajaajila waldhaansaa akka jirtu himameera.
Hojjattoota biyyoota Arabaa hojiif dhaqan irra hojjachiiftonni isaanii reebicha suukaneessaa fii ajjeechaa akka irraan ga’aan yeroo irraa gara yeroo ti gabaafamaa tureera.