Barsiissan Yunivarsitiiy Amboo Kan Toora Miidiya Gubbat Qeeqa jabaa Mootummaa irrat bareessun beekamu ( Blooger ) Siyyum Tashoomaa ganamma Guyyaa hardhaa Komaandi Postin Fudhatamee hidhamuun himame.

Manni jireenya Siyyum Tashoomaa raayyaa ittisa biyyaa baayyeen marfamee sakateeffamuun qabiyyee isaa heduu mana keessaa fudhaamuun himame.
Waahilli Barsiisaa Siyyum Tashoomaa akka ISATif himanitti mormii lagannaa gabaa magaala Walisoo gegeeffamteen wal-qabatee waraanni Agaazii dargaggoo hedduu hidhaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Akka jiraattonni ibsanitti Siyyum Tashoomaa konkolaataa gubbaatti fe’anii fuudhuu malee bakka isaan geessan akka hin beekin himuun, mootummaan bakka barsiisaa Siyyum itti hidhan akka beessisan gaafatan.
Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasaa dhiifama godhanaiifii manneen hidhaatii baafne ja’aniis jiraattota hedduu ammaas deebisanii hidhaa jiraachuu saanii gabaafameera.
Keessumattuu, sababii mormii lagannaa gabaa jalqaba torbee kana guyyoota sadiif geggeeffameen wal-qabatee utuu hoogganootni fii poolisiin Oromiyaa hin hafin Komand Poostiin hidhamaati jiran.
Magaalaa Walisoo tan Barsiisaan Siyyum Tashoomaa keessatti hidhamani tti dargaggoon baayyeen akka hidhaman waahilli isaa Isatif himaniiru.
Ministeerri human waraan Itoophiyaa fii ajajaan garee Komaand Poostii obboo Siraaj Fargeessaa gareen barruu bareessuun angoo mootummaa fudhachuuf tattaafachaa jirtu waan jirtuuf namoota hidhuun akka itti fufuuf jiraattu ibsuun isaanii waan yaadatamuudha.