Barattoonni Yunivarsitii Amboo guyyaa Kamiisa har’aa mormii gegeessan.

Barattoonni Yunivarsitii Amboo mormii guyyaa har’aa geggeesaniin gaafiiwwan hedduu dhiheesan keessaa barattoonni Komaand Poostiin hidhaman akka hiikaman, Labsi Yeroo Muddamaa haa ka’uu, fii waadaan galame hujitti haa hiikkamuu dhaadannoo jettu dhiheessuun, barattoonni hidhaman yo kan hin hiikkamne ta’e mormii ciminaa akka itti fufuuf jiraatan dhageessisaniiru.

Barattoonni mootummaan bakka adda addaa daawwachuu irra darbee hojiitti haa seenu, waadaa gale guutumaan guututti hujitti haa hiikuu kan jedhuufi Moyaaleerratti humniti ajjeechaa raawwatte seeraaf akka dhihaachuu qabdu gaafataniiru.

Biyyattiin labsii yeroo muddamaafi ajaja komaandi poostii jela waan jirtuuf yeroo kana keessa hiriirri dhorkaa yoo ta’es, barattoonniYunivarsitii Amboo murannoo cimtuun mormii geggeesaniiru.
Hiriira barattoonni geggeesan bittinneessuuf jecha humni Poolisiin Federaalaa dhukaasa barattoota irratti akka banan himameera.

Barattoonni mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Amboos mormii barattoota Yunivarsitii Amboo tti dabalamuuf akka sochoo’aa turan dhaga’ameera.

Yeroo amma Yunivarsitiin Amboo human loltootaan waan dhunfatameef barattoonni mooraa Yunivarsitii keessaa akka ba’an waamins godhaniiru.
Magaalaan Amboo seenaa fincila mormii keessatti adda durummaan waan laalamtuuf jecha muummeen Ministeera DR. Abbiyyi Ahmad mormii qabbaneessuuf ummata Amboo fii naannoo ishee mari’achiisuun kan yaadatamuudha.

Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufee jira.

Erga Muummeen Ministeeraa haarawni muudamee asi gareen Komaandi Poostii guutuu Oromiyaa, godinaalee gara garaa keessatti hidhaa fii dararaa itti fufuun lubbuun namoota Oromiyaa keessatti ajjeefamanii 19 ga’eera.