Baqattoonni Itoophiyaa Keeniyaa jiran dhiibaa tikoota mootummaa Itoophiyaa jala akka jiran himame

Lammiileen Itoophiyaa darara cimaa biyyaa keessatti irra gahu jala miliquuf gara keeniyaatti baqatan dhiibaa tikoota mootummmaa Itoophiyaa jala waan jiraniif rakkoof saaxilamusanii BBCn gabaaseera
Dhaabbaanni Humaan Raayits Waach gamasatiin, rakkoon tikoonni mootummaa Itoophiyaa lammiilee biyyaatti gara Keeniyaatti baqatanirra gahaa jiran yaaddeessaa ta’u ibsa torbee darbe baaseen beeksiseera
Mootummaan Itoophiyaa Keeniyaa dabalatee biyyoota biroo keessatti gocha seeran alaa walfakkataa raawwatuun lammiileen Itoophiyaa baay’een qabamanii gara biyyaa fudhatamuu isaanii BBC gabaaseera
Baqqattoonni Itoophiyaa keeniyaa fi biyyoota biroo keessa ukkamsamanii tikoota mootummaan gara biyyaatti fudhataman kunniin dararaa fi miidhaa guddaan akka irra gahe BBCn gabaasa dhaabbata Humaan Raayitis waabeffachuun gabaaseera
Tikoonni mootummaa Itoophiyaa yeroo adda addaa oddoon inni keessa jiraatu cabsanii ukkamsanii fudhachuuf yaalaa akka turan Darajjeen BBCt himeera
Keeniyaatti Ambasaddaari Itoophiyaa Diinaa Muftii gamasantiin, sababni baqttoota keeniyaa gara Itoophiyaa akkasumas Itoophiyaa immoo gara Keeniyaa fidaniif akka hin jire himaniiru.
Oduun tikoonni mootummaa Baqattoota Itoophiyaa keeniyaa keessa jiran ukkamsanii gara Itoophiyaa fudhatu jedhus dhugaarra kan fagaate jechun mormaniiru.
Ambasaddaar Diinaa Muftii gocha tikoonni mootummaa raawwatan hunda hangam odeeffannoo akka qaban waan beekame hin jiru.
Sababni isaa immoo caasaan tikaa bifa mootummaa giddugaleessan kan hogganamu osoo hin taane paartiidhaaf aantummaa waan qabuuf jedhameera.
Tikoonni mootummaa waayyaannee daangaa biyyaa biraa ce’uun baqattoota Itoophiyaa kanan dura ukkamsanii gara biyyaatti fudhatan BBC akka fakkeenyaatti kaasuun gabaaseera.