Baqattoonni fi koolugaltoonni Lammiilee Oromoo Keeniyaa jiran gocha seeraan alaa dhimmaa Koolugaltummaa isaanii irratti raawwatamu mormaniiru

Baqattoonni fi koolugaltoonni Oromoo gaaffiin koolugaltummaa isaanii akka ilaalamuu fi bakka itti qubatan argachuuf malanmaltummaa hojjattoota Komishiinii dhimmaa koolugaltummaa mootummoota gamtomaanii fi Wajjiira dhimmoota koolugaltoota keeniyaa guutuun akka haaldureetti dhiyaacha jira jedhan.
Baqattoonni Oromoo Keeniyaa jiraatan Baqattoonni Oromoo fi Ogadeen biyyaa keessatti mirga nagaan jiraachu, haqaa , kabaja namummaa akka hin qabne toori oduu ‘Zaa Star’ jedhamu gabaaseera.
Lammiileen Oromoo fi Ogadeen hidhaa, reebicha fi ajjeechaa loltoota mootummaa Itoophiyaa jala miliquuf gara biyyoota ollaatti akka baqatan toori oduu kun gabaaseera.
Yaa ta’u malee,Baqattoonni gara Keeniyaatti fi biyyoota ollaa birootti baqatanii kooluglatummaa gaafatan ammaas rakkoo cimaatu isaan eegaa jedhameera
Baqatoonni daangaa Itoophiyaan alaattis bilisaan jiraachu waan hin dandeenye rakkoo basasamuu , dararamuu fi humnaan qabamanii gara biyyaatti ergamu irra gaha jedhameera.
Ajjeecha loltoonni mootummaan Itoophiyaa Onkololeessa bara 2016 lammiilee oromoo ayyaana irreecha kabajatanirratti raawwatan mormuuf baqattoota hirira bahan keessa lammiilee Itoophiyaa 40 paarkii Uhuurrutti akka qabaman toori oduu kun yaadateera..
Namooni kunniin seeraan ala gurmaa’uu fi karaa seeraan alaan Keeniyaa keessa jiraachu jedhamanii akka himataman toori oduu ‘Zaa Star’ gabaaseera.
Hojjattoonni komishiinii Mirga Namoomaa mootummoota Gamtomaanii ,Wajjiir Dhimmoota Koolugaltoota Keeniyaa fi Pooliisiin biyyaattii baqattoota Oromoo koolugaltummaa gaafatan galmeessuu fi qubachiisuf maalanmaltummaa fi walqunamittii saalaa akka haal dureetti dhiyeessu jedhameera.
Baqattoota lammiilee Oromoo keessa tokko kan ta’e fi maqaan isaa nageenyaa jecha kan jijjiirame tokko gaazexeessaatti akka himeetti,waggoota 10f Qaaliitti dabalatee manneen hidhaa biroo keessatti dararamaa tureera.
Mana hidhaa Maa’iikalaawii keessa wayita ture namoota Osmaan Kadiir fi Waariiyoo Bariisoo jedhaman kan kaampii Koolugaltoota Daadab ukkamsamanii gara Itoophiyaa ergaman argusaa himeera.
Akkasumas mana hidhaa Qaaliitti keessaatti immoo Injinaar Tasfahuun Camadaa fi Masfiin Abbaabaa magaala Naayroobii keessaa ukkamsamanii gara Itoophiyaa ergaman arguusa toori oduu ‘Zaa Star’gabaaseera.
Gaaffii koolugaltummaa dhiyeesse erga galama’ee fi akka qubatu taasifame booda nageenyi isaa waan eegameef itti fakkate akka ture himeera .
Yaa ta’u malee,dhimmaa isaa hatattamaan akka ilaalamuuf maallaqa maalanmaltummaa kaffalu waan hin dandeenyeef kan yaade akka hin milkoofne baqatan lammii Oromoo kun himeera.
Ji’oota jahaan Komishiinii Mirga namoomaa mootummoota gamatomaanii fi wajjiira Dhimmoota koolugaltummaa Keeniyaatti galmee barbaachisu hunda xumuree kan galmeeffame ta’uus, hanga amma furmaata akka hin argane himeera
Yoo dhaqee deemee haala dhimmii isaa irra jiru gaafatu immoo ilaallama waan jiruuf sitti himama deebii jedhu qofa akka argatu himeera.
Gaaffiin Koolugaltummaa fudhatama akka aragatuu fi kaampii keessa qubachuuf hojjattoota komishiniichaa fi Wajjiira Dhimmoota Koolugaltoota Keeniyaaf maallaqa maalmaltummaa kaffaluu yookan fedhii saalaa isaanii guutun akka haal dureetti fudhatama jira
Tikoonni Mootummaa Itoophiyaa kaampiiwwan baqattoota Keeniyaa keessatti argaman hunda keessa baay’inaan waan jiraniif nama barbaadan dararuu fi ukkamsanii gara biyyaatti akka ergan himameera
Lammiileen Keeniyaa baqattoota Oromoo wajjiin hojjataniis tasgaba’aanii akka hin jiraane baqatana Oromoo nageenyaa isaaf jecha maqaan jijjiirame saamii jedhame himeera.
Lammiileen Keeniyaa Waariiyoo xaaxxeessaa fi jaldeessa Waaqoo jedhaman tikoota mootummaa Itoophiyaan ukkamsamanii hidhaan waggaa 6 fi 15n itti murta’ee mana hidhaa keessa akka jiran himera.
Tikoonni Mootummaa Itoophiyaa Poolisoota Keeniyaaf maallaqa maalanmaltummaa kennun baqqattoota dararuu akkasumas ukkamsanii gara biyyaatti deebisaa akka jiran Dhaabbanni Humaan Raayitis waach jedhamu beeksisuun ni yaadatama.