Balaa ibiddaa mana hidhaa Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamanneetti uumameen Lubbuun Nama tokkoo akka darbe himame

Balaan ibiddaa mana hidhaa magaalaa Shaashamanneetti mudate lubbuu nama tokkoo wayita gaalaafatu namoonni sadii immoo miidhamuun isaanii himameera.
Balaa kanaan Bilookii hidhamtoonni keessa jiraatan tokko dabalatee biiroolee fi galmi tajaajila addaa addaatiif oolu akka barbadaa’e gabaafameera.
Balaan ibiddaa kun hirmaannaa qeerroo fi jiraattota magaalaa Shaashamanneen to’aannoo jala akka oolfame himameera.
Sababni Ka’umsa balaa ibiddaa mana hidhaa Shaashamanneetti uumame qulqullaa’aa akka jiru hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshinii Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa toora Feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru.
Balaa ibiddaa kanaa wajjin walqabatee namoonni qabeenya namoota dhuunfaa saamuu fi meeshaa jalaa caccabsuun magaalattii keessatti rakkoo nageenyaa uumuuf yaalan akka turan obbo Addisuun himaniiru.
Gochi saamichaa kun qeerroo fi jiraattota magaalattii kan bakka hin buune waan ta’eef, jiraattonni magaalaa Shaashamannee fashaleessuun shakkamtoota to’annoo jala oolchuu himaniiru.
Oduu biraan immoo, naannoo Oromiyaatti Oduun Bishaan Dhugaatii Summaa’eera jedhu Soba akka ta’e, Biiroon Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii Oromiyaa beeksiseera.
Mormii Lagannaa gabaa tibba darbe guutuu Oromiyaatti labsamee wajjin walqabatee duulli oduu sobaan uummata naannichaa burjaajessuu jalqabameera.
Mormii cimaa uummanni oromoo gochaa jiruu wajjin walqabatee oduu bishaan dhugaatii qulqulluun naannoo Oromiyaa ‘Summaa’eeraa hin dhuginaa’ jedhu midiyaalee hawaasummaan labsamuun beekameera.
Oduun sobaa kun jiraattota Oromiyaa burjaajessuuf shira xaxame waan ta’eef jiraattonni naannichaa bishaan dhugaatii qulqulluu argachaa jiran sodaa tokko malee itti fayyadamuu akka qabu Biiroon Bishaanii, Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksiseera.