Balaan kun lubbuu namoota miiliyoonatti lakkawamaanii balaaf akka saaxilee dhaabbatich beeksiisera.
Balaa hoongee naannichaa muudateen horsiise bultoonni baay’een beelladoonni isaanii akka jala hin duunee soodachuun gurguura akka jiran Dhaabbanni Qonna Addunyaa ykn FAO gabaasa dhimmaa kana ilaalchisuun baaseen beeksiisera
Jirattoonni naannichaa qabeenya beelladoota isaanii gabaaf wayita dhiyyeessaan qaama irraa bitu waan dhabaniif beelladoonni du’a jiru jedheera.
Yeroo ammaa hongee bara darbeettiin lammiileen Itoophiyaa Miiliyoona 9 fi kuma 700 gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaatiif saaxilamniiru. Balaan hongee haaraa kun lakkoofsa namoota gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbaachiisuu dabaluu danda’a jedhameera.
Roobni ji’aa Onkoleessaa hanga Ji’a muddeetti naannichaatti roobuu qabu hanga barbaadamuun waan hin roobneef baalaan hoongee haarofti akka umaammee ragaan dhaabbata mootummota gamtoomanii ni mul’isa.
Balaan hoongee haaroofti naannoo Baha Oromiyaa ,Amaaraa , Sumaalii , Tigraay fi Kibbaa Affaarii muudatee hanqinaa nyaata guddaa akka qaqqabsiise gabaasicha irraa hubatameera.
Dhaabbilee Arjomtoota Addunyaa gama isaaniitiin, balaan hoongeen kun lubbuu namoota osoo hin dabarsinee dura hatattaamaan tarkaaniiffi fudhachuun akka barbachiisu himaniiru. Mootummaa Federaalaas ta’e e kan naannoolee balaa hoongee haaraa amma muudatee kana ilaalchiisee hanga amma waan jedhan hin jiru
Bifuma walffakkatuun balaa hoongee bara darbee naannoolee jaha keessatti qaqqabee tureen lammiileen Itoophiyaa miiliyoonaa 10 caalaan gargaarsa midhaan nyaata yeroo hatattaamaatiif saaxilamanii akka ture ni yaadatama.