Baankiin Biyyaaleessa Itoophiyaa Jijjiira birriin sharafa wajjiin qabu irratti sireeffama dhibbentaa 15 akka taasifamu beeksiseera.

Baankiin Biyyaaleessa Itoophiyaa daladala alaa jajjabeessuf jecha jijjiira birriin sharafa alaa wajjiin qabu dhibbeentaa 15n akka sireeffamu beeksiseera
Daldalli alaa Itoophiyaa bara 2005 hanga 2009 gidduu ture laafaa akka ta’e Itti-aanaan Pireezdaantii baankii biyyaalessaa Doktar Yohaannis Ayyaalew miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Kanaaf immoo akka sababaatti kan dhiyaatu gatiin Oomishaalee gara gara sadarka addunyaatti dabaluusa fi sharafni Doolaarri Ameerikaa dabaluudha jedhan
Oomishaalee qonnaa kan akka buna, midhaan zayitaa, midhaan dheedhii, gogaa fi bu’aalee gogaa akkasumas Sookkoon sababa kanaan gatiin isaanii akka hir’ate dubbataniiru.
Raawwiin Daladala alaa Itoophiyaa bara 2008 fi 2009 laafaa waan ta’eef mootummaan tarkaniiffii sitreeffammaa tokko tokko akka fudhatuuf dirqamsiiseera jedhan
Haaluma kanan jijjiiraa birriin sharafa alaa wajjjin qabu dhibbeenta 15 guddisuun sharafa alaa damee qonnaa, industirii, albuuda fi damee tajaajilaa irraa argamu guddisuuf akka murta’ee himaniiru
Jijjiramni Birriin sharafa alaa wajjiin qabu irratti Onkololeessa 1, 2010 jalqabee sirreeffamni dhibbantaa 15 taasifame hojiirra oluu akka jalqabuus himaniiru.
Jijjiramni Birriin sharafa alaa wajjiin qabu sirreeffamuun gatii Oomiishaalee gara garaa akka dabalu gochuun qaalaa’iinsa gatii ittu ni hameessa jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa diinagdeen biyyaatti waggoota 15 daraban dhibbeenta 10n guddachuusa himatureera.
Yaa ta’u malee hanqinni sharafa alaa wagga gara waggaatti cimaa dhufun dolaarii Amerikaa tokko hanga birrii 30 sadarkaa sharafamnuurra gaheera
Gama biratiin immoo, namoota maallaqa isaanii baankii keessatti qusataniifis dhalli gadi aanaan dhibbeenta 5 irra gara dhibbeenta 7ti akka ol guddatu taasifamuusas Baankii Biyyaaleessa beeksiseera