Atleetonni Dorgommii Spoortiif Biyya Austraaliyaa Dhaqan 200 Biyyoota Gara Garaa Irraa Ta’an Koola Goltummaa Gaafatan.

Atleetonni ji’a Ebla wal-dorgommii spoortii Koman Welziif biyya Awustraaliyaa dhaqanii turan 200 oli biyya irraa dhufanitti yo deebi’an ta’e rakkoon nurra ga’a jechuun koola goltummaa buyya Awustraaliyaa gaafataniiru.
Wal-dorgommii Ispoortii tan biyya Biritaaniyaa fii biyyoota Birittaniyaan gabroomfatanitti geggeeyfamtu irraa qooda fudhachuuf biyya Awustraaliyaa seenan kuma 8 keeysaa atleetonni 205 ta’an koola goltummaa gaafataniiru.
Atleetonni 50 ga’an kanneen eyyamni yeroon itti deebi’an duraa dhumatee jiru hanga ammaa biiyya Awustraaliyaa keessaa akka hin ba’in beekamee jira.
Atleetonni koola goltummaa gaafatan biyyoota akkamii irraa akka ta’an ifa ba’uu baatuus atleetonni biyya Hindii akka warra koolo galtummaa gaafatan keeysatti argaman barameera.