Aministii Internaashinaal Dhaabbanni Mirga Namoomaaf Falmu Mootummaa Itiyoophiyaa Hubachiisan.

Aministii Internaashinaal dhaabbatni mirga namoomaaf falmu erga labsiin yeroo muddamaa labsamee booda, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuf qabanitti fayyadamuun nammota lama kanneen Mootummaa qeequun humna Koomaand Poostiin hidhaman hatattamaan akka gadi lakkifaman jechuun Mootummaa Itiyoophiyaa irratti ibsa akka baase beekameera.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun, erga labsiin yeroo muddamaa hojiira oolee booda namoonni lama Barsiisaa Yuunversiitii Amboofi xinxalaa siyaasaa kan ta’e Obbo Siyyum Tashoomaa fi biiroo haqaa Oromiyaatti Itti gaafatamaa dhimmaa Koomunikeeshinii kan taee Obbo Taayyee Danda’aa mirga yaada isaanii ibsachuutti fayyadamuu isaaniitiin yakkamuun waan hidhamaniif haalduree tokko malee akka mana hidhaatii gadi dhiifaman gaafateera.

Itiyoophiyaa keessatti labsii yeroo muddamaa yeroo lammaffaaf labsame hordofuun jiraattonni baayyeen hidhamaa jiraachuu isaanii odeefannoon gara garaa akka isaan qaqqabaa jiru ibsuun, immoo namootni hagami akka hidhamanii fi eessa akka jiran sirriitti ibsuun hin danda’amu jechuun kan dubbate dhaabbata Amnistii Internaashinaal biiroo damee baha Afrikaatti itti aanaa barreessaa dhaabatichaa kan ta’e Obbo Maagaangoo biyya keeniyaa Naayroobii irraa ibsaniiru.

Dhaabbatichi akka ibsetti mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasaa hidhaa gadi dhiise jechaa odoo jirtuu, namoota mirga yaada ofii bilisaan ibsachuutti fayyadamuun waan itti amanan dubbatan ammallee akka hidhaa jirtu ibsuun, namoota hidhaman akaa hiikuu fi namoota murtii fi haqa tokko malee hidhamanii jiran gara mana murtii geessuun akka isaan haqa argatan akka godhamu waamicha dhiheessaniiru.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aminst Internaashinaal, gocha dhiittaa mirgoota mootummaa Itoophiyaa tiin lammiilee biyyatii irra gahu yeroo irraa gara yerootti saaxiluun dhugaa jirtu ifa baasuun dhaaba mirgoota nanaaf falmaa jiru.