Ameerikaafi Israa’ee Iraan meeshaalee niwukileeraa omishaa jirti jechuun yoo himatan illee UK’n waliigaltee murtessaa nikulaaraa Iraan waliin taasifame akka deeggartu beeksifte .

Ameerikaan himannan Israa’el nageenyashee waliin kan walitti fufiinsa qabu ta’uu dubbatti.
waliigalteen niwukileeraa Iraan bara 2015 biyyoota ciccimoo adunyaa jahaa fi Iraan gidduuttii mallattaa’e Iraan gabbisa niwukileerashee akka dhaabduuf kan tureedha.
Dubbi himaan UK qorattootni ramadaman akka qaama waliigaltichaatti, Iraan waliigalticha kabajuushee karaa of danda’aa taheen mirkaneessaniiru kan jedhutti dabaluun, nuyi tasuma waa’ee Iraanii fi niwukileerashee hin morminu jedhan.
Briiteen, Jarmanii fi Faransaay ammayyuu waliigalticha deggeraa kan jiran yoo ta’u, waliigaltichi dabalataan Chaayinaa fi Raashiyaadhaanis mallattaa’eera.
mumuchi ministeeraa israa’el Beenayiim Neetaneeyoo, Iraan hanga ammaatti kuusaa meeshaalee waraanaa atoomawaa guddaa qabdu ija Ejensii Aanniisa Atoomawaa Idila Adunyaa jalaa dhoksiteetti jedhe .
Waliigalticha tursiisuufis tahe kaasuuf torbanoota dhufan caamsa 12 duratti Traamp murtoosaa kan beeksisu ta’uu dubbateera.
Ibsi mootummaa ameerikaa, ragaaleen kunneen kan kanaan dura qabnu waliin kan wal fakkaatuu dha, Iraan niwukileera cimaa fi guddaa yaalamee kufe adunyaa jalaa dhoksaa kan turte qabdi kan jedhu ta’uun beekame.
Barreessaan mootummaa Ameerikaa Maayik Poompeen akka jedhettii ,Ragaaleen Israa’el, Iraan keessaa argaman shakkii tokko malee, bulchiinsi abbaa irree Iraan waan dhugaa akka hin dubbanne agarsiisu jedhe .