Ajjeechaa gara jabeenyaa yeroo darbe magaalaa Moyyaleetti raawwatame baqatanii Keeniyaa qubatanii kan jiran waan nyaataniifi bakka bultii dhabanii rakkachaa jiraachuun beekame.

Buufata yeroof qophaayeef keessa baqattoonni jiran akka ibsanitti, gargaarsi baqattootaaf dhiyaatee fi baay’nni namootaa waan wal hin gitneef namni hedduun rakkoo keessa jiraachuu himu.
Rakkoo hamaa ilmaan oromoo irra ga’e kana keessatti dubartoonni ulfaa, daa’immaniifi dubartoonni baqattummaa kana keessa osoo jiranii dahan addumaan miidhamaa akka jiran maddeen gara garaa gabaasanii jiru.
Dubartoota baqatan keessaa 600 dubartoota ulfaa tahuun hanga amaatti dubartoonni 20 gahan akka nagahaan mooraa baqaa keessatti dahanii jiran gabaafame.
Ha ta’u malee hanqina karaa tajaajila fayyaatiin mudateef furmaata fiduuf dhaabbatni fannoo diimaa hojjechaa akka jiru baqattoonni dubbatanii jiru.
Kana malees yeroo ammaa bokkaan baay’ee roobaa waan jiruuf waanta jalatti dheessan dhabuu irraan ka’e bokkaadhaan dhaanamaa jiraachuu baqattoonni kun ibsanii jiru.
Kun immoo dhukkuboota gara garaatiif isaan saaxiluu akka danda’us sodaa qaban baqattoonni keeniyaa qubatanii jiran ni dubbatu.

Waajjirri dhimma baqataa UNHCR, Baqattoota kana kan gargaaraa jiru hanga danda’e hojjetaa jiraachuu dubbi himaan dhaabbatichaa kan damee Keeniyaa Yiivoon Indeegee himanii jiru.
Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Ajjeechaafi dararaan hidhattoota mootummaan uummata nagaa irratti raawwatame ammallee cimee waan itti fufeef, dararaa kana jalaa dheessuuf ammallee baayy’nni baqattootaa dabalaa akka jiru Waldaan Fannoo Diimaa beeksiseera.
Ha ta’u malee lammiilee gara keeniyaatti baqatan kana dandamachiisuuf gargaarsi dabalataa ammas dhaabbata dhimmi baqattootaa UNHCR fi kanneen biro irraa naannicha qaqqabaa akka jiru gabaafameera.