Afa Yaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo isaanii gadhi dhisuuf gaaffii dhiyeessan

Afa yaa’iin mana marii bakka bu’oota ummataa obboo Abaduulaa Gammadaa fedhii isaaniitiin aangoo gadi dhiisuuf gaaffii akka dhiyeessan beeksisan.
Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa gaaffii aangoo Afa yaa’uummaa gadi dhiisuu qaama mootummaa dhimmi ilaaluf akka dhiyeessan himaniiru.
Gaaffiin isaanii karaa seeraan fudhatama erga argatee booda sababa aangoo gadhisuuf murteessaniif ummataatti akka himan dubbataniiru
Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee tarkaniiffiin raayyaan ittisa biyyaa fi Pooliisii Federaalaa akka isaan hin gammachiisne ni himama.
Obboo Abbaa Duulaa gammadaa weerara daangaa liyyuu pooliisii naannoo sumaalee ilaalchise jaarsoolii biyyaa, ummata Godina Baalee fi aanaalee Godina Gujiitii dhufam wajjiin magaala Gindhiiriti mar’achuun isaanii ni yaadatama.
Hiramattoonni marichaas lolo liyyuu pooliisiin naannoo Sumaalee Daangaa Oromiyaa irratti bantee fi miidha lammiilee Oromoo naannoo sumaalee keessa jiraata turanirra gaha jiru kan qindeessee fi raawwachiisu mootummaa federaalaa akka ta’e obboo Abbaa Duulaatti himaniiru.
Ummanni Oromoo amma booda Mootummaa Federaalaa , Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Pooliisii Federaalaa irra furmaata akka hin eegne hirmattoonni marichaa obboo Abbaa Duulaattii himun isaanii ni ni yaadatama.
Gaaffii Ummata Oromoo deebisuuf tarkaniiffii mootummaa federaalaa fudhacha jiru waan isaanii hin gammachisneef aangoo afa yaa’uummaa gadhiisuf akka murteessan himama jira.
Manni marii bakka bu’oota ummataa hojii isaa idilee bara 2010 gaafa wixataa wayita jalqabu afa yaa’ii Abbaa Duulaa Gammadaa argamaniiru.
Gaaffii Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo gadhiisuf dhiyeessan kun seenaa Siyaasa Itoophiyaa waggoota 26 darbanii keessatti waan haaraa jedhameera.
Gaaffii kanas namoonni haala adda addaa ilaala kan jiran yoo ta’u, irraa caalaan lammiilee biyyaatti garuu keessoon siyaasa mootummaa Itoophiyaa laafaa akka dhufe agarsiisa jedhaniiru
Oduu biraan immoo Afa’yaa’iin mana marii bakka bu’oota ummataa obboo Abbaa Duulaa Gammadaa mana mootummaa keessa jiraachaa turan akka gadhiisaniif dirqisifamusaanii himameera.