Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Dhimma Biyyaa fi Naannoo irratti xiyyeeffachun Maqaleetti mari’achaa akka jiru himame.

Addi bilisa Baasaa ummata tigraay yaa’ii dhaabaa 7ffaa magaala maqaleetti jalqabeen dhimmoota biyyaa fi naannoo irratti mari’achaa jira
Deeggartoonni fi miseensoonni waayyaannee akkasumas gaazexestoonni miidiyaalee hawaasummaa irratti dhaabbatichaa deeggaruun gabaasan dabalatee waliigalaatti hirmattoonni 2500 ol yaa’ii kanarratti hirmaacha jiru
Hoggantoonni paartiilee michuwwaanii fi obbolaa yaa’ii kanaratti ni argamu jedhame eegamus Pirezedantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa fi gitnisaanii naannoo Amaaraa obbo Gadduu Andargaachoo gara Maqalee akka hin imale beekameera
Sababni pirezedantoonni naannoolee lamanii hin argamneef qabataman beekamu baatuus, gargarummaa paartiilee obbolaa jedham gidduu jiru furmaata waan hin arganeef ta’uu akka male xinxaltoonni siyaasa himaniiru
Addi Bilisa baasaa ummata Tigraay yaa’ii dhaabaa 7ffaa kanan dhimma naannoo Tigraay biyyaarratti xiyyeeffatee mari’achaa akka jiru miseensi koree hojii raawwachistuu Obbo Geetaachoo Raddaa ibsuu isaanii miidiyaan waayyaannee Faanaan gabaaseera
Addi Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay Dhimmota Siyaasa , Diinagdee fi Hawasummaa biyyyaattin itti hogganamtu irratti mari’achun kallattii gara fulduura kan qopheessu yoo ta’u, paartiileen biroo garu dhimma naannoo isaanii qofarratti akka mari’atan dirqamsiisa tureera.
Hoggantoota fi hojimaatni nageenya biyyaaf sodaa ta’an akka jijjiraman obbo Geetaachoon himaniiru
Ummanni Tigraay hoggantoota Adda Bilisa baasaa ummata Tigraay shakku fi sodaachu akka jalqabe kan himan obbo Geetaachoon hoggantoonni miira kana uumaan irratti tarkaniiffiin ni fudhatama jedhan
Hoggantooni fi hojimaatni nageenya biyyaa sodaa keessa galchan jedhan kannin maqaan adda bahuu baataniis hoggantoota Mootummaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irratti akka xiyyeeffatame himameera
Addi Bilisa baasaa ummata tigraay hojii of-qulqulleessuu waan xummureef dhaabbileen biroos tarkaniiffi walfakkatu fudhachuu akka qaban dhiibaa gochaa turun kan yaadatamudha
Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa yeroo dhiyoo asi dhimma naannoo bira darbun akka biyyaatti yaadota haaraa maddisisuu jalqabuun waayyaannee biraatti waan jaalatame hin fakkatu.
Garagarummaan keessoo Adda bilisa baasaa Ummata Tigraay keessatti mul’atu furmaata argachuu waan hin dandeenyeef yaa’iin dhaabaa 7ffaan guyyoota ni xummurama jedhame karoorfametti xummuramu akka hin dandeenye himameera
Ragaaleen Iciitiin Sagagalummaa hoggantoota Adda bilisa baasaa ummata Tigraay mul’isan gadhiifamuun hoggantoota addichaa giduutti gargarummaa akka uume himameera.