Addaan ciccituun tajaajila Interneetii guddinaa diingdee Itoophiyaa akka miidhee himaameera.Waggaa takko darbee tajaajila interneetii waan addaan citeef galii biyyaattiin damee kanarra argatuu dolaarii miiliyoona 9 akka dhabbisiise Institiyuutii Amerikaa Biirukiingii jedhamu qorannoon qorateen beeksiiseera.
Sadarkaa Addunyaattii Dhaabbannii Gorsaa Deeliyoot jedhamu gamasatiin, tajaajil interneet bilbilaa harkaa waan addan citeef biyyaattiin guyyaatti dolaarii kuma 500 akka dhabdu beeksiiseera.
Mormii ummataa kutaalee biyyaatti gara gara keessatti umaameen walqabatee tajaajil interneetii waan adda ciccituuf waggaa tokko keessatti biyyaatti galii birrii miiliyoona 200 ol akka dhabde dhaabbanni Deeliyoot beeksiiseera.
Addaan Ciccituu keninniisaa tajaajail interneetii diingdee biyyaatti akka laafuu gochuusa, argannoo haaraa akka hin jajjabane fi Amantiin daldaltoonni teekeneloojii irraa qaban akka laafuuf gumaachuusa Itti-Aanaa Pirizidaantiin Institiyuutii Biirukiingii Amerikaa Daraal Weestiis waabeffachuun Afriikaan Biziinaas gabaaseera.
Guddinni Diingdee amayyaa maxxantuu tajaajila interneetii akka ta’e gabaasni kun beeksiiseera. Biyyoota akka Itoophiyaa Guddinaarra jiranitti, tajaajil Interneetii guddina omishaa waliigalaa keessaa gahee dhibbentaa 1.35 akka qabu gabaasich ni mul’isa.
Labsii yeroo hatattaamaa ji’a Onkololeessaa labsameen booda tajaajil interneetii bilbilaa harkaa gutumaatti waan dhaabbateef galii mootummaa irratti miidhaa fide gabaafameera. Irraa caalaa daldaltoota hojiin isaanii gutumaatti tajaajila interneetii wajjiin walqabate kisaaraa guddaan akka irra gahuuf gumaache himameera.
Qorannoo akka agarsiisuutti Amerikaatti tajaajil interneetii waggaatti galii dolaarii biiliyoona 900 fi miiliyoona 66 argamsiisuun guddinaa diingdee biyyaatti keessatti gahee dhibbeentaa 6 qaba.
Biyyoota Afriikaa keessaa tajaajila interneetii dangeessuun Morookoon galii Dolaarii miliyoona 300 fi miliyoonaa 20 ,Koongoo galii dolaarii miiliyoona 72 akkasumas Aljeriiyaan galii dolaarii miiliyooma 20 akka dhaban qorannoon ni mul’isa .
Itoophiyaa gamasheetiin tajaajila Interneetii dangeessuun galii dolaarii miiliyoona 9 akka dhabdee himameera. Afriikaan Kibbaa, Keeniyaa fi Ijiptiin tajaajila interneetii foyyaa’aa lammilee isaaniif dhiyeessuun biyyoota Afriikaa sadarkaa gaarii irra jiran jedhameera.