Abbaan Alangaa Federaalaa namoota 35 balaa Shororkeessummaa qaqqabsiisuuf yaalaan ittiin jedhe himateera.

Abbaan Alangaa Mootummaa Itoophiyaa namoota 35 Godinaalee Kaabaa fi Kibba Gondaritti meeshaa waaraanaa hidhachuun balaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf yaalaniiru ittiin jedhe akka himate miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Akka himaannaa abbaa Alangaa mul’isuutti, namoonni 35n kunniin miseensoota Arbanyooch Ginboot Sabaat turan
Himatamtoonni kunniin xumura bara 2008 hanga jalqaba 2009tti meeshaa waaraanaa hidhachuun hoggantoota gariichaa Ameerikaa, Jarmanii, Siwiidinii fi Eertiraa jiraatan irrraa Birrii kuma 800 fudhatan jechuun himatamaniiru.
Birrii fudhatan kanan miseensota filachuu fi gurmeessuun naannoo Kaabaa fi Kibba Goondaritti bosona galuun fincila kakasan jedhamanii himatamaniiru
Kana malees meeshaalee waaraanaa hidhataniin, Lammilee nagaa,dhaabbilee mootummaa fi hidhattoota mootummaa irratti balaa qaqqabsiisuuf wayita yaalaan akka qabaman himaannaan Abbaa Alangaa irra hubatameera
Himatamtoonniis gaafa kibxaata mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta’u, yakkii ittin himataman barreeffaman kennameef jira.
Manni Murtichaas dhimmaa isaanii ilaaluf Waxabajjii 20 bara 2009tti beellameera
Jirattoonni Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti bara darbe mirgi isaanii akka kabajamuu akkasumas olantummaan saba tokko yaa hafuu jechuun hiriira bahaanii mootummaa mormaa akka turan ni yaadatama.
Namoonni gaaffii mirgaa kara nagaatiin gaafatan baay’een humnoota mootummaan kan ajjeeffaman yoo ta’u, kan lubbuun hafan immoo manneen hidhaa mootummaa keessatti dararamaa turaniiru.
Namoota kanniin haalo bahuu bifa fakkatuun Abbaan Alangaa Federaalaa mootummaa karaa nagaan waan mormaan qofaaf yakka shororkeessummaa jedhuun himachuu cimsee itti fufeera.
Abbaan Alangaa namoota yakka shororkeessummaan himachuuf Saba Oromoo yookan Amaaraa ta’u qofti akka isa gahu keessa beektoonni himaniiru.
Sabni isaanii erga adda bahee booda Oromoo ABO wajjiin saba Amaaraa immoo Arbanyooch Ginboot Sabaat wajjiin walqabsiisuun himachuun abbaa alangaa Federaalaaf hojii salphaa ta’eera.