Gargaaraa barreessaa muummicha Tokkummaa Mootummootaa dhimma gargaarsa namoomaa doorsisa hojjatoota gargaarsa sudaan kibbaa irra ga’aa jiru balaaleffatan.

Dhimma gargaarsa namoomaatti, gargaaraa barreessaa muummicha Tokkummaa Mootummootaa, Maark Lowkuuk haala hojjattoonni gargaarsaa biyya Suudaan Kibbaa keessatti rakkifamaa jiranii ciminaan balaaleffatan.

Maark Lowkuuk daawwanna isaan guyya lama Biyya Suudaan Kibbaa tti taasisaniin akka ibsanitti hookkarrii fi doorsisni hojjettoota gargaarsaa irra ga’aa jiru, akka gargaarsi uummata garqaaramuu qabu gara miliyoona toorbaa hin dhaqqabne danqaa itti tahe jira jedhaniiru.

Maark Lowkuuk, baatiilee lamaan dabran keessatti qofa, Sudaan Kibbaa keessatti hojjettoonni gargaarsaa afur ajjeesamuu fi kudhan ka biroon qabamanii hidhamuu dubbatu.
Maark Lowkuuk kan torban kana keessa Sudaan Kibbaa daawwatan Biyyiti Suudanii fii gareen hidhannoo qaban hundi hookkara dhaabanii hojjattoonni gargaasa kenna jiran akka lammiilee gargaarsa barbaadan dhaqabaniif daandii nageeyna akka saaqan gaafataniiru.
Hujii gargaarsaa kan mikeeysuufii hookara dhabuuf akkasumaas nageenya hojjattoota gargaasa kennanii eeguuf qoodni mootummaanis tahe humnoonni hidhattootaa gumaachan baay’ee xiqqoo dha jedhan.
Akka qormaata mootummaa gamtoomanii tti namootni miliyoona 4.3 ga’an qe’ee jireenya isaanii irraa sababaa lolaatiin baqatanii jiran keessaa miliyoonni 1.76 biyya Suudaan Kibbaa keessa yoggaa jiraatan, godaantonni miliyoona 2.5 immoo biyyoota olla Suudaan Kibbaa tti godaanuu ibsaniiru.
Akka Maark Lowkook ibsaniitii baqattootni Biyya Suudaan Kibbaa yroo ammaa kana jireenya nageenyaa fii fayyaaf rakkoo cimaa keeysa jiraachuu himaniiru.