Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ji’a Hagayya dhufu biyya Ameerikaa daawwachuuf akka jiran oduun Dippilomaatota irraa ba’e ibse.

Ministeera dhimma Alaa Ameerikaati bakka bu’aan dhimma Afrikaa Haarawni erga muudamanii booda, ji’a Hagayya dhufuu Dr. Abiyi Ahmad biyya Ameerikaa daawwachuuf akka qophaa’e oduun dipilomaatota irraa argame mul’seera.

Oduun dipilomaatota irraa ba’e akka jedhutti, ministeera dhimma alaa Ameerikaati bakka bu’aan dhimma Afrikaa haarawni muudamuufii, Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad biyya Ameerikaa ti imaluun yeroo tokko ta’un qunnamtii addaa akka hin qabaanne himameera.

Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti bakka bu’aa dhimma Afrikaaf Ambaasaaddar Tiiboor Naagii(Tibor Nagy) qaadhimamuun iddoo Ambaasaaddar Doonaald Yaamaamaatoo ni muudaman jedhamee eegama.

Ambaasaaddar Doonaald yaamaamaatoo kan angoo gadi dhiisuuf ja’anii fi Ambaasaaddar Tiiboor Naagii (Tibor Nagy) kan muudamuuf qaadhimaman lachuu kanaan dura Ambaasaaddara Ameerikaa Magaalaa finfinnee ta’uun hojjatanii jiru.

Muudamuun Ambaasaaddara kun, gara masaraa mootummaa Ameerikaa Waayta Haawsin(white house) himamuu dhabuus gara Presedaant Doonaald Traampiin Ambaasaaddar Tiiboor akka qaadhimamanii jiran himameera.

Ministeera dantaa alaa Ameerikaatti bakka buutuun dhimma Afrikaa durii aaddee Liindaa Toomaas Griinfiild erga bara darbe ji’a Bitootessaa 2017 angoo gadi lakkiftee asi hojii tanaaf namni biro otoo hin muudamin hanga ar’aa tureera.

Ambaasaaddar Tiiboor Naagii (Tibor Nagy) biyya Hangaarii magaalaa Budaappeeti( Budapest, Hungary) ti dhalate umrii 68 kan isaa joollummaa, baqattummaan biyya Ameerikaa seenan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 1999 jalqabanii hanga bara 2002 Ambaasaaddara Ameerikaa biyya Itoophiyaa ta’uun hojjataniiru. Akkasumaas biyya Guinea tis Ambaasaaddara ta’aniiru.