Mootummaan biyyoota Afrikaa Bahaa gaazexeessitoota akka hojii hin hojjanne dhoorkaa jiraachuu gurmuuleen mirga dhala namoomaa ibsan.

Gurmuuleen mirga dhala namoomaaf falman, ibsa ayyaana guyyaa yaada walabaan ibsuu sababeeffachuun baasaniin mootummaan biyyoota Afrikaa bahaa gaazexeessitoota akka walabaan hojii hin hojjanne rakkisaa, hidhaa, dararaa jirachuu itti cimsuu ibsaniiru.
Akka dhaabbileen mirga gaazexeessitiitaaf falaman jedhanitti ganna woggaa darbe adunyaa keesaa gaazexeessitoota 259 akka hidhamanii jiran ibsa irratti hubachiisaniiru.
Biyyoota Afrikaa Bahaa Eeritiraa,Suudan,Jibuutii, Somaalee, Itoophiyaa, Taanzaaniyaa fii Keeniyaa fa keessatti gaazexeessitotii ogummaa ufiitiin hojjachuuf rakkoo guddoo keessa akka jiran ibsaniiru.
Gara biroon immoo, Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad haala hojimaata gaazexeessitootaa akka fuula dura wayyeeysu abdiin jiraachuu gaazexeessaan Iskindir Naggaa ibsuun garuu haga ammaatti waan wayyawe womaa hin agarre jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Biyyiti Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti biyyoota gaazexeessitoonni akka yaada walabaan hin ibsanne gochaa jirtu ja’aman 180 keessaa sadarkaa 150 akka jirtu dhaabbonni mirga gaazexeesitiitaaf falman gabaasaniiru.
Biyyiti Ertiraa immoo sadarkaa Itoophiyaa gadii irra sadarkaa 178ffa irra akka argamtu Dhaabni mirga gaazexeessotiitaaf falmu CPJ ibsaniiru.
Biyyiti Itoophiyaa biyyoota woggaa darbe adunyaa keesaa gaazexeessitoota 259 hiite keessaa 16 ta’uu ibsuun, Gaazexeessitotaa fi warra yaada ufii interneetii irratti barreessu hiikuun tarkaanfii gaarii akka ta’e dhaabbanni kun ibseera.
Garuu, mirgi MEDIA eegsisuun immoo gaazexessitota qofa hiikuun fala waan hin taaneef, biyyiti Itoophiyaa seera hamaa gaazexeessitota irratti baasani jiran akka irra deebi’anii ahaqan abdii qabaachuu isaanii yaaddoo qaban himaniiru.
Guyyaan Yaada walabaan ibsachuu sadarkaa aduynaa guyyaa kaleessaa Caamsaa 3 sadarkaa adunyaa ti kabajamuun, barreessaan dhaaba mootummaa gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez biyyiti adunyaa mara mirga yaada walabaan ibsachuu akka kabajan waamicha dhiheessaniiru.