Nageenyi magaalaa Moyyaalee erga boora’ee hanaga yoonaa eddo durii tti hin deebine.

Nagenyi magaalaa Moyyaalee erga boora’ee hanaga yoonaa eddotti deebi’uu dhabuun kan ka’e guyyaa Wiixata kaleessaa daandiin cufamee, waajjiraaleen mootumaa fii manneen daldalaa guutumaan guututti cufamanii oolaniiru.
Mooyyaleetti ammas nageenyi magaalattii rakkisaa ta’uu jiraattonni ibsaati jiran.
Guyyaa Sanbata darbe ammas hidhattoonni naannoo Soomalee magaalaa Moyyaalee ti utuu boombii ummta irratti darbachuuf jedhanii harkatti dhoo’uu jiraattonni ibsaniiru.
Guyyaa Wiixata kaleessaa loltoonni Liyyuu Poolisii jedhaman kan naannoo Soomaalee daandii magaalaa guddicha dhakaan cufaniiru.
Gara mootummaan poolisiin Federaalaa naga’a magaalaa tasgabeessuff tarkaanfiin fudhachaa jiran tokkolleen akka hin jirre jiraattonni komii cimaa kaasaa jiraachuun himameera.
Hoogganaan waajjira dhimmi nageenyaa aanaa Mooyyalee Obbo Nigaatuu Kaasahuns komiin uummatni humnoota federaalaarratti kaasee dhugaa akka ta’e ibsaniiru.
Ajajaan poolisii Aanaa Mooyyalee koomander Neggaa Tirbii, boombiin kun dhoohuun dhugaa akka ta’ees Raadiyoo sagalee Ameerikaa dame afaan oromoof himaniiru.
Loltoonni liyyuu poolisii jedhamu kan bulchinsa naannoo Soomaalee ammaas daangaa oromiyaa cee’anii tarkaanfii fudhachuu jalqabaniiru. ” Guyyaa Wiixata kaleessaa Aanaa Gumbii Bordoddeetii nama lama Rasaasan dhawanii namni tokko ajjeefamee tokko madeesuun himameera.