Presedaantiin biyya Sudaan Omar Al-Bashir hidhamtootni siyaasaa akka gadhiifaman ajaje.

Presedaantiin biyya Sudaan Omar Hassan Al-Bashiir hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadhiifaman ajaja dabarsaniiru.

Erga Mormiin ummataa geggeeffamee, namoonni baayyeen hidhamanii booda Presedaantiin Sudaan Omar Al-Bashiir hidhamtootni siyaasaa akka gadhiifaman ajajuu isaanii miidiyaan biyya Sunaa jedhamu gabaaseera.

Hogganoonni dhaabota siyaasaa, qindeessitoonni mormii fi mormitoonni ji’a Amajjii keessa bayyinaan hidhamuun kan yaadatamuudha.

Ajajni hidhamtoota siyaasaa gadhiisuu sababni taassifameef, maree sadarkaa biyyaatti dhaabota siyaasaa fi qaamota mara hirmaachisu geggeessuuf dursanii hidhamtoota siyaasaa hunda gadhiisuun murteessaa waan ta’eef jedhameera.

Presedaant Hassan Omar Al-Bashiir hidhamtootni siyaasaa hundi akka gadhiifaman ajajuun isaanii dhiibbaa cimaa garee morkattootaan akka ta’e gaazeexaan Rooytars gabaaseera.

Presedaant Bashiir akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 1998 erga mootummaa angoorra ture humnaan fonqolchanii aangoo qabatanii jalqabanii mareen tokkollee dhaabota morkattootaa wajjin akka hin taassifamne ugguraa turaniiru.

Haa ta’u garuu, Presedaant Omar Al-Bashiir filaannoo biyyoolessaa bara 2020 geggeefamu irratti hidhamtoota siyaasaa mara hidhaa gadhiisuun filannoo bilisaan hunda hirmaachisuuf daandii saaquuf akka ta’e barameera.

Presedaant Omar Al-Bashiir bara 2015 jalqabanii maree yeroo gara yerootti geggeessaa turaniin sadarkaan irra ga’an kun egeree siyaasa biyyattiif carraa gaarii akka uumaa jiru gabaafameera.

kanarraa kan ka’e, ji’a darbe hidhamtoonni siyaasaa 80 hidhaa bahuun hidhamatoonni 50 ta’an hoogganaa dhaaba morkattootaa Sudanese Congress party Obbo Khaled Omar fi hogganaan dhaaba Sudan Communist party obbo Muktar Al-Khatib dabalatee mana hidhaa kessatti hafanii jiraachuun odeeffannoo irraa barameera.