Qabsooftuun farra Appaartaayidii Afriikaa Kibbaa Wiinii Mandeellaa, Du’aan boqatan.

Qabsooftuun farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa fi Haati mana Nilsan Mandeellaa durii aaddee Wiinii Mandeellaa ishee umrii 81 guyyaa Wiixata kaleessaa du’aan adunyaa irraa galuu BBCn gabaaseera.
Winii Mandeellaan jalqaba bara kanaarraa kaasanii hospitaala seenaa utuma bahanii,guyyaa Wiixata sa’atii booda maatiisaanii gidduutti du’aan boqachuu isaanii dubbataan maatii Wiinii Maandeellaa Victor Dlamini ibsaniiru. “Duuti Wiinii Mandeellaa hedduu nu naasise, waan nuti hin eegini”, jechuun Victor Dlamini CNN ti himaniiru.
Winii Mandeellaa bara 1936 Baha Keep magaalaa Bizaanaa jedhamtutti dhalatan.
Aaddee Wiinii Mandeellaa Neelsan Mandeellaa waliin bara 1950 walfuudhanii waggoota 38 waliin turaniiru. Wiinii Mandeellaan qabsooftuu farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa ta’uun “haadha sabaa” (“haadha ummataa”) jedhuun moggafamaniiru.
Erga Mandeellaan hidhaa galanii booda bakka Mandeellaa bu’anii qabsoo farra Apaartaayidii gaggeessaa turuun Winii Mandeellaa walabummaa lammiilee gurraachaaf baayyee qabsaa’aniiru.
Neelsan Mandeellaan erga hidhaa bahanii Presedaantii biyya Afrikaa Kibbaa tahanii bara 2 booda gaafa bara 1996 addaan bahanii jiraataniis hanaga ammaatti garuu maqaan isaanii walumaan waamamaa yoona ga’eera.
Wiinii Mandeellaan erga Abbaa Joolee isaanii Nilsan Mandeelaa irraa addaan bahan maqaan ihsee adeemsa siyaasaa biyya Afrikaa Kibbaa keessatti qabaachaa turte gadi bu’ee akka ture himameera.
Wiinii Mandeellaa haadha ijoollee lamaati.
Boqachuu Wiinii Mandeellaa irratti maatiin isaanii ibsa ni kennu jedhamee eegamaa jira