Godinaa Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaa Magaalaa Ukeetti lubbuun namaa wareegamte.

Sanbata Darbe hooggantoota dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoof simannaan Magaalaa Naqamteetti qophaayee ture humnoota nageenyaan erga Dhorkamee booda Naqamteetti mormii guddaan ka’ee. Wiixataa fi Kibxata jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee daandiiwwan konkolaata cufuun hogganni KFO magaalaa Naqamtee akka hin senne ittifamuu waliin wal-qabatee dhoorkamuu sagantaa qophaayeen aarii fi dallansuu isaanii ibsaa turan.
Mormii uummataa dhaabsisuuf ejjennoo humnoonni nageenyaa fudhataniin namni tokko maggaalaa Naqamtee ajjeefamee namoonni 19 ta’an madaawuu jiraattonni himan.
Haaluma kanaan,mormii jiraattonni magaalaa ukkee geggeessaniin Kibxata fi Roobii poolisiin Federaalaa nama tokko ajjeesuu isaa fi kanneen biroo ja’a madeessuun gabaafame. Akka jiraattonni magaalaa miidiyaalee gara garaatii himanitti, mormiin haala turban darbe hoogganni KFO magaalaa Naqamtee akka hin seenne ittifamaniin wal qabatee poolisiin federaalaa magaalaa keessaa akka ba’u fi walumaa gala humni raayyaa ittisa biyyaa oromiyaa keessaa guutumaan guututti akka bahu tahuu ibsaniiru. Magaalaa ukkeeti waraanni agaazii dargaggoo irratti dhukaasa banuun namni tokko ajjeefamuu fi kanneen biro 3 mada’anii wal’aansa jiraachuu bulchaan magaalaa midiyaaleef himan.
Labsii yeroo muddamaa mootummaan Itoophiyaa labse sababeefachuun walgahiin kun seeraan ala jedhamuun magaalittii akka hin seenne dhorkamuu dura taa’aan KFO Dr. Mararaa Guddinaa miidiyaalee gara garaa tti himan.
Addi Dimokiraasummaa Warraaqsa uummattoota Itoophiyaa wayyaaneen hogganamu sagalee Uummataa loltoota Agaazii daangaa tokko malee bobbasuun ukkamsuuf labsicha akka labse himame.
Lakkofsi namoota rasasaa waayyaanneen ajjeeffamanii fi rukutamanii dabaluu akka danda’u himame.Dargaggoon magaalaa Qeellamitti rasaasaan dhahamee wal’aansa sadarkaa ol aanaaf gara Finfinneetti ergamee ture ijoolleen umuriin waggaa kudha-shanii Obsaa Indaalee Fufaa guyyaa Roobii jechuun Guraandhala 28 bara 2018 du’aan boqochuu isaa maatiin isaanii raadiyoo Sagalee Ameerikaa dame afaan oromoo tiif akkana jechuun guyyaa ar’aa ibsan. Sagalee!!
Qeellam Wallaggaa Gabaa Roobii keessatti Agaaziin barataa Jamaal Nuuraa jedhamu ajjeestee hojjataa nama Obbo Yohannis Olana jedhamu ammoo madeessitee jirachuun gabaafame.