Walgahiin mana marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa walgahiin torbee kana keessa taa’uuf waame sababa hin beekamneen torbe dhufutti darbeera

Manni marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa miseenoota paartiilee arfaniirra walitti bahan 180 qaba
Paartiileen arfan Addicha hundeessaan mata mataan mana marichaa keessa bakka bu’oota 45 qabu
Koreen hojii raawwachistuu addichaa gurraan dhala 22 bara 2010 walgahii taa’uun dura taa’aa addichaa ni filata jedhame eegama tureera
Dura taa’aan Adda dimokirasummaa waarraqsa ummatoota Itoophiyaa koree hojii raawwachistuun filatamu mana marii bakka bu’oota ummataatti dhiyaate ministiira muummee ta’ee ni muudama jedhame eegama ture
Walgahiin koree hojii raawwachiistu addicha kun sababa hin beekamneen torbee dhufutti akka darbe miidiyaaleen biyyaa keessa gabaasaniiru
Miseensoonni koree hojii raawwachistuu addichaa walgahii isaanii torbee dhufu gaggeessaniin kadhimamtoota dura taa’uummaa addichaaf dorgoman keessa tokko ni filata jedhame eegama ture
Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Oromoo Dr Abiyyi Ahimaad kadhimummaan dhiyeesseera.
Addi waarraqsa saba Amaaraa immo Itti-aanaa ministiira muummee obbo Dammaqaa Mokonnoon kadhimummaan dhiyeessuun beekameera
Akkasumas Waarraqsi Dimokirasummaa Ummattoota Kibbaa obbo Shifarraaw Shugguxee kadhimummaan wayita dhiyeessu Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Kadhimamaa hin dhiyeesne jedhameera
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Obbo Dammaqaa Mokonnoon fi obbo Shifarraa Shugguxee keessa namni tokko akka filamuu fedhi qaba jedhame
Kadhimaman Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo Dr Abiyyi Ahimad akka hin falatamneef qondaltoonni waayyaannee murteessuu isaanii dhaga’ameera
Qondaltoonni Adda Bilisa baasaa Ummata Tigraay aangoo ministiira Muummeef kadhimamaa dhiyeessuu baataaniis taayita Minsteera Dhimma Alaa fidhachuuf murteessuu isaanii ragaaleen mul’isaniiru
Itti-aantuu Dura teessuun addichaa aaddee Fatilawarq Gabra-igzabiheer ministiira dhimma alaa ta’aanii akka muudamaniif qondaltoonni waayyaannee murteessaniiru