“Taphni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay dhumeef jira” jechun miseensi Kongiraas Amerikaa Bulchiinsa Kaalforniiyaa Daanaa Roor himan

Mormii Ummataa wajjiin walqabatee bulchiinsi mootummaa waayyaannee dadhabaa fi burkutaa’aa akka jiru ragaaleen baay’een mul’isaa jiru
Mootummaan Itoophiyaa waayyaanneen hogganamu sagalee ummataa ukkamsuuf tarkaniiffii humna fiudhateen lammiileen baay’een yoo ajjeeffaman kuma hedduutti kan lakkawaman immo hidhamaniiru
Bulchiinsichi tarkaniiffii humna heddu fudhatus mormiin ummataa cimee itti fufun ministiira muummee Hayilamariyaam Dassalaany hanga aangoo sobaarra kaasuutti gaheera
Waayyaanneen fedhii aangoorra turuuf qabduun haaromsa gadi fagoo gaggeessee gaaffii ummataa deebisuuf qopha’eera jechun ibsa baastuus ummanni biyyaatti garuu jijjiira bu’uura barbaada jechun mormii itti fufeera
Hawaasni addunyaas shira fi yakka bulchiinsa mootummaa waayyaannee hubachun fuula irra gargalfachuu jalqabeera
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa hawaasa addunyaa yeroo amma dhabe kana argachuf gama ministiira dhimma alaa Dr Warqinaa Gabayyoon tattafachaa jira
Waayyaannee deeggarsa hawaasa addunyaa argachuuf tattaffachaa osoo jirtu miseensi kongirasii Amerikaa Daan Roor “taphin Adda bilisa baasaa Ummata Tigraay dhumeef jira” jechun toora Tiwitaarii isaaniin beeksisaniiru.
Miseensi kongirasii Amerikaa Daan Roor mootummaan waayyaannee ummata Itoophiyaa kan bakka hin buuneef yakka ajjeechaa fi dhittaa mirga namoomaa biyyaatti keessatti raawwatameef akka itti gaafatamu walgahii mana marichaarratti dubbataniiru
Kongirasiin Amerikaa wixinee labsii ‘HR128’ Itoophiyaatti bulchiinsi hunda hirmaachiise akkasumas mirgi namoomaa akka kabajamu gaafatu qopheessuun adeemsa raggasuurra akka jiru ni beekama
Mootummaa Itoophiyaaf Wixinee labsichaa kun seera ta’ee osoo hin raagganeen dura carraan dhumaa kennameef jira .
Mootummaan Itoophiyaa akka lakkofsa warra faranjoota hanga Gurraandhala 28 bara 2018 garee qorattoota mootummoota gamtomaanii dhiittaa mirga namoomaa biyyaatti keessatti raawwatame akka qulqulleessaniif eyyamu qaba
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee garee qorattoota mootummoota gamatomaanii akka qorataniif kan hin eyyamne yoo ta’e wixineen labsii ‘HR 128’ jedhamu kun kongirasiif dhiyaate seera ta’ee akka ragga’u himameera
Mootummaan Itoophiyaa yeroo amma labsii yeroo hatattamaa ji’oota jahaaf turu labsuun sagalee ummataa rasasaa loltoota agaaziin ukkamsuuf murteesseera.
Amerikaa dabalatee Jarman, Inglaand , Kanaadaa, Gamtaan Awurrooppaa fi kan biroo labsiin yeroo hatattamaa labsame kun akka isaan yaaddeesse beeksisaniiru.