Addi Bilisa baasaa ummata Tigraay hoggansa irra deebiin qorachun hojiin qulqulleessuu akka hafu hogganaan addichaa doktor Dabratsiyoon Gabramikaa’eel beeksisan

Yaa’iin 7ffaan adda bilisa baasaa ummata Tigraay guyyoota torbaf ture gamagamma koreen hojii raawwachistuu irratti kaadiroota sadarkaa olaanoo fi gadi aanaarra jiran wajjiin mar’acha akka ture himameera
Yaa’ii kanarratti yaadoonni haaraa kan itti dabalaman ta’uus himameera.
Haaluma kanan, torbee dhufu jalqabee qorannoon namoota dhuunfaa itti fufee hojiin kallattii addichaa qulqulleessuu akka itti fufu hogganaan addicha Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eel beeksisaniiru
Akka ibsa Dr Dabratsiyooniitti, qorannoo hoggansaa addichaa kana booda tarkaniiffii fudhatamu akka jiru keessa beekatoonni dubbataniiru
Qorannoon kun tobee dhufu jalqabee hanga sadarkaa gandaatti akka gaggeeffamu himameera
sababa hoggansa tokko tokkon addicha keessa miiri maxxantummaa akka jiru qabsa’aan addichaa Ambaasaaddar Siyyuum Masfin dubbataniiru
Sababa maxxantummaa kanan kaayyon Addichaa shakkii keessa akka galu taasifamuu Ambasaddaar Siyyum Masfiin beeksisan.
Kaayyoon Addi Bilisa Baasaa ummata Tigraay qabsa’eef kabaja barbaachisu akka hin argannee fi addichi shakkii biraan akka ilaallamu kan taasise miira maxxantumma hoggansa tokko tokko biraatti mul’atu jedhan
Oduu biran immoo, Ummanni Tigraay eenyu caalaa gatii guddaa waan kaffaleef beenyaa argachu akka qabu miseensi koree hojii raawwachistu adda bilisa baasaa ummata tigraay obbo Geetaachoo Raddaa dubbatan.
Obbo Geetaachoo yaa’ii 7ffaa addichaa ilaalchisun ibsa gaazexxeestootaf amajjii 9 bara 2010n kennan hoggansi haaroofti ummata Tigraayiif yeroo kamuu caalaa hojjachuuf kutanoon qaba jedhan
Naannoolee Itoophiyaa gidduutti garagarummaa siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa guddaan yeroo amma ifatti osoo mul’atu obbo Geetaachoon yaada kana dubbachun rakko biyyaatti akka hammeessu himameera