Afa yaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa gara hojii isaanii duraatti deebi’aniiru.

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fayeedaan Ummataa fi dhaabaa koo waan tuqameef sadarkaa hojii amma irra jirum itti fufu hin danda’u jechun hojii Afa yaa’ummaa fedhiin gadhiisuuf akka murteessan beeksisanii ture
Obbo Abbaa Duulaan fedhii isaanii aangoo Afa yaa’ummaa gadhiisuuf Dhaabbataa Dimokirasummaa Ummata Oromoo fi Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummatoota Itoophiyaatti xalayaa dhiyeefatanii fudhatama akka argate gabaasuun keenya ni yaadatama.
Walgahii Koree Hojii Raawwachistuu Addicha erga xumurame booda qondaltoonni mootummaa fedhii isaaniin aangoo gadhiisan bakka mootummaan isaan itti ramadeetti deebi’anii hojjachuuf waliigalteera akka gahame himame ture
Haaluma kanan obbo Abbaa Duulaa Gammadaa muddee 26 bara 2010 hojii isaanii idilee duraatti deebi’uun Afa Yaa’ummaan walgahii mana marii bakka bu’oota Ummataa hogganaa akka turan himameera.
Koreen manni marii bakka bu’oota ummataan walitti bu’iinsa kutaalee biyyaatti keessatti mudate fi furmaata hin arganne akka qulqulleessuuf hundeeffame gabaasa wayita dhiyeessu obbo Abbaa Duulaa Gammadaa immoo walgahiicha hoggananiiru
Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Somaaleetti uumameen wajjiin walqabatee namoonnii 107 to’annaa jala oolfamanii qorannaan irratti gaggeeffamaa akka jiru koreen kun gabaaseera.
Naannoo Oromiyaa keessa namoonni 98, naanoo Somaaleetti immoo hanga ammaa namoonni 9 shakkamanii akka hidhaman Koomiishinii Poolisii Federaalaa mana marichaatti himeera.
Afa yaa’iin Mana marii bakka bu’oota ummataa obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ji’oota muraasa dura fedhiin aangoo akka gadhiisan beeksisanii ture.
Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo guddaarra osoo jiran mirgi ummataa fi dhaabaa isaanii wayita tuqamu murtii kennu waan hin dandeenyeef aangoo isaanii fedhiin akka gadhiisan himanii ture
Mirgi Ummtaa fi dhaabaa isaanii tuqame jedhanii ture yeroo amma deebii argatee moo osoo hin arganne gara aangootti deebi’aan gaaffiin jedhu falmisiisa ta’eera.