Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti namoonni 6 loltoota Agaaziin akka ajjeeffamn himame.

Godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Kaasaa Oromiyaa jedhamutti weerara hidhattoota naannoo sumaalee fi loltoota motummaa federalatiin namoonni 6 akka ajjeeffaman himame
Jirattoonni araddaa Kaasaa Oromiyaa weerara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee ofirra qolachaa wayita turaniitti loltoonni Agaazii ummataatti dhokaasuun namoota 6 ajjeessaniiru.
Namoota ajjeeffaman malee 18 mada’aan hospitaala Harariitti waldhaanamaa akka jiran gabaafameera.
Namoota weerara Liyyuu Pooliisii Sumaalee fi Raayyaa ittisa biyyaan mada’aan 18 keessa bulchaan aanaa araddaa Kaasaa Oromiyaa Obboo Xayyiib Mohammaad akka argaman himameera.
Qeerroon magaala Funyaan Biraa teenye osoo ilaalu dhumuu hin qabnu jechun daangaa Oromiyaa kabachiisa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru
Miseensoonni Liyyuu Pooliisii Sumaalee Araddaa Kaasaa Oromiyaa wayita weeraran milishoonni fi ummanni tokummaan ofirraa akka deebisan jirattoonni himaniiru.
Kana Booda meseensoonni raayyaa ittisa biyyaa liyyuu pooliisiin gargaarun bifa haaraan weerara wayita jalqaban ummanni Ulee qabachun weerartoota lamanuu ofirra ittisa tureera
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa biyyaa rakkoo daangaa furuu osoo qaban ummata oromoo daangaa ofii kabachiisu bahe irratti dhukaasa banuun namoota heddu miidhuu jirattoota dalanisiiseera
Jirattoonni aanaalee godina Harargee Bahaa weerara daangaa babal’ifachuu liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee fi shira mootummaa federaalaa cimaa dhufe kana hiriira bahun mormaniiru.
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa liyyuu pooliisii meeshaa waaranaa gurguddaa hidhatee gandoota oromiyaa weeraru callisanii ilaala akka jiran jirattoonni kan dubbatan.
Raayyaan Ittisa ummataa Oromoo weerara liyyuu pooliisii ofirraa qolachuuf bahee akka diinatti gara jabeenyaan itti dhukaasun ajeessaa fi madeessa akka jiran himameera.
Sirni awwaalcha lammiilee Oromoo aanaa Gursumiitti weerara Liyyuu Pooliisii Sumaalee, Raayyaa Ittisa biyyaa fi pooliisii Federaalaan ajjeeffamanii gaafa kamisaa bakka qeerroowwaan, firaa fi maatii isaanii argameetti raawwatameera.
Gamabiraan immmo, Magaala Adaamaatti sababa mana seeraan alaa ijaarame diiguu jedhun gaafa roobii walitti bu’iinsi akka ture himameera.
Walitti bu’iinsa kanan namni tokko rasaasa Pooliisiin dhukaaseen mada’ee mana yaalaa akka jiru gabaafameera
Sababa ijaarsa seeraan alaa diiguu jedhu kanan daandii magaalaa Adaamaa gara Asallaa geessuu cufamee akka ture ragaan Adaamaa argannee mul’iseera.