Ministeerri Maallaqaa fi walta’iinsa Diinagdee wajjiiraalee mootummaa bajeennii ramadamuuf wajjiin mari’achuun bara kana bajeenni dabalataa ramadamu tokkolee akka hin jire itti himeera,
Mootummaa Federaalaa bara 2010 bajeeta birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 21 kan ramade yoo ta’u, wajjiiraleen mootummaa federaalaa baajeta ramadameef qusannaan akka itti fayyadaman ministeerich hubachiiseera
Ministeeri Maallaqaa fi Walta’iinsa Diingdee dhimmaa bajeeta ilaalchisuun Ministiroota,Pirezedantoota Yuunivarsitiwwaanii fi hoggantoota mootummaa biroo wajjiin tibbana mari’ateera.
Mootummaan birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 21 bara bajeeta 2010f ramade walitti kan qabu adda durumaan galii taaksiirra akka ta’e Ministirri Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee Doktor Abrahaam Takastee himaniiru.
Bara bajeeta 2010 galiin birrii Biiliyoona 100 fi biiliyoona 96 walitti qabuuf karoorfame qormaata guddaa akka ta’ee fi haala qabatamaa biyyaatti wajjiin yoo ilaallamu waan milka’uu hin fakkatu jedhaniiru.
Bara darbe galii birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 70 walitti qabuuf karoorfame keessaa birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 30 qofa walitti qabuun waan dandaameef hanqinni bajeeta birrii biiliyoona 40 akka muudate ministirichi dubbatan.
Baasii idilee mindaa hojjattoota mootummaaf bara darbe ramadame birrii biiliyoona 81 yoo ta’u bara kana immoo birrii biiliyoona 82 qofa jedhameera.
Kanaafuu wajjiiraaleen mootummaan baajeta ramaduuf qusachuun akkasumas baasii biroo irra hir’isuun itti fayyadamuu akka qaban himameera.
Wajjiiraaleen mootummaan Federaalaa baajeta ramaduuf hundi sababa walgahiin afeera adda addaa gochuu dhiisuu, Korojoo, Uffataa aadaa fi kan biroo , Koophii fi kan biroo maallaqa baasuu hin qaban jedhameera.
Akkasumas kaffalitii saa’aatii dabalataa. konkolattota ,wajjiiraalee haaraa kireffachu, baasii bilbilaa , keessummaa fi baasii walgahii adda addaa bahu hir’isuun hanqina bajeeta akka damdamatan itti himameeera.
Mootummaan Itoophiyaa guddinni diinagdee biyyaatti dachaan dabala akka ture himus, biyyaatti hanqina bajeeta fi sharafa alaatiin yeroo kamuu caalaa rakkacha jirti.
Hanqina sharafa alaa furuuf takaniiffiin humna bittaa birrii hir’isuuf fudhatamen immoo qaala’iinsa gatii Oomishaalee adda addaa dabalun lammiilee biyyaatti rakkoof saaxileera.
Qondaltoonni Mootummaa mormiin ummata oromoo waggaa lamaa oliif itti fufe jiru guddina diinagdee irratti dhiibaa akka hin qabne himaa turaniis dhugaan jiru garuu ifatti mul’ata akka jiru keessa beektoonni dubbataniiru.