Haroon Xaanaa waggoota heddu hawwata turiziimii ta’uun beekamu kun yeroo dhiyoo asi sababa weraara aramaa Imbaaccoo jedhamun balaa guddaaf saaxilameera.
Dargaggoonni fi jirattoonni naanniicha haroo kana badiirra bararuuf tattaafacha wayita jiran kanatti dargaggoonni naannoo Oromiyaa 200 ol Xaanaan Keenya’ jechun haroo xaanaa badiirra bararuuf imala akka jalqaban himameera.
Ummanni Oromoo weraara mootummaa xaaliyaanii yeroo lamanuu urufa salaalee fardaa fi miilaan qaxxamuruun laga Abbaayyaa ce’uun daangaa biyyaatti kabachiisu keessatti gahee adda ndurummaa akka qabu kan yaadatamudha.
Ammas haroo Xaanaa weraara Aramaa Imbooc irra baruruun jaalala obbolummaa fi biyyummaa irra deebin ni mirkaneessa jedhameera.
Dargaggoonni Oromoo haroo xaanaa weraara Aramaa ibooc irra barauuf imala jalqaban kunin godinaalee Oromiyaa hundarraa akka walitti bahan gabaafameera.
Dargaggoonni Oromoo gaafa rakkoo uumamaa fi namni tolche hunda ummata naannoo Amaaraa waliin tokkummaa fi jaalalaan dhaabbachun haroo xaanaa badiirra bararuuf garas kan imalan.
Haroo Xaanaa malee lagni Abbaayyaa hin jiru kan jedhan dargaggoonni Oromoo, Lagni Abbaayyaa immoo mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Dargaggoonni Oromoo ‘Xaanaan Keenya’ jechun imala jalqaban kunnin wayita Dabra Maarqoos, Finootasalaam, Injibaaraa fi Baahir Daar gahan simannaa akka taasifamuf himameera
Dargaggoonni naannoolee lamanii mormii ummataa bara darbee irratti tokkummaa waliif qaban hiriira nagaa irratti dhageessisa turun ni yaadatama.
Dargaggoonni magaala Gondor gocha gita bittaa gabrummaa mootummaa waayyaannee mormuuf hiriira wayita bahan dhiigni Oromoo keenya jechun suuraa hidhamtoota siyaasa Oromoo qabachun akka ture kan yaadatamudha
Dargaggoonni naannoo Oromiyaas bifuma walfakkatuun hiriira mormii mootummaa waayyaannee hunda irratti aantummaa ummata Amaaraaf qaban mul’isaniiru