Itoophiyaatti Beelladoonni Horsiisee Bultootaa kan yeroo kamuu caalaa baay’inaan du’aa akka jiran Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (FAO) beeksiseera.
Kutaalee Biyyattii adda addaa Horsiisee Bultoonni keessa Jiraatanitti hanga ammaatti beelladoonni miiliyoona lama margaa fi Bishaan dhabuun akka du’an dhaabbatichi himeera.
Balaa hongee biyyattii mudateen lakkoofsi namoota gargaarsi midhaan nyaataa isaan barbaachisuu dabalaa waan jiruuf hanqina nyaataan lubbuun namootaa darbuu ni mala sodaan jedhu akka jirus himameera.
Naannoo Sumaalee Qofatti lakkoofsi namoota gargaarsi midhaan nyaataa isaan barbaachisuu miiliyoona 3 fi kuma dhibba sadii gahuusaa dhaabbatichi beeksiseera.
Balaa hongee kanaa wajjin walqabatee kibbaa fi kibba baha Itoophiyaatti beelladoonni baay’een kan du’an yoo ta’u, lubbuu horsiisee bultootaaf akka sodaachisu himameera.
Oduu walfakkaatuun hongee cimaan biyyattii mudaate namoota miiliyoona hedduu beelaaf saaxiluu akka danda’u Dhaabbanni Oksifaam akeekkachiiseera.
Dhaabbanni Oksifaam ibsa baaseen kan duraa malee dabalataan lammiileen Itoophiyaa kuma dhibba torba balaa beelaa cimaaf saaxilamuu akka danda’an beeksiseera.
Yeroo ammaa Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8 fi kumni dhibba shan gargaarsi midhaan nyaataa hatattamaa akka isaan barbaachisu mirkana’eera.