Mormiin gabaa lagachuu magaala seena -qabeetti Amboo fi naannoo ishee akkasumas Walisootti jalqabee kun yeroo amma guutuu Oromiyaa waligahuu bira darbuun sadarkaa biyyaatti babalachaa akka jiruu gabaasin ibisaa jiru.
Mormiin gabaa lagachuukun magaalkoota gurguddoo naannoo Oromiyaaa hanga magaaloota xixiqoo gandoota baadiyaa keessa jiraanitti walgahaa akka jiru maddeen oduu gabaasaniiru
Mormiin gabaa lagachuu magaaloota Oromiyaa keessatti bifa adda ta’een jalqabame kun gara magaalaa gudditti biyyaatti Finfinneetti babal’ateera.
Daldaltoonni Giddugalaa gabaa guddaa Afriikaa Markaatoo gibira humna olii itti fe’ame mormuun manneen daldalaa isaanii akka cufan ragaaleen mul’isaniiru.
Giddu galii gabaa Xaanaa, Minaaleesh taraa, Sumaalee taraa, Sidaamoo taraa fi Gojjaam Barandaa cufamii akka turan himameera.
Manneen daldalaa Giddugala gabaa Xaanaa keessatti argaman guutumaan gutuutti akka cufaman ragaaleen mul’isaniiru.
Tilmaamni gibira galii guyyaa humna ol waan isaan irratti fe’ameef hojii dhaabuuf akka dirqaman daldaltoonni dubbataniiru.
Loltoonni Mootummaa Daldaltoota Giduugala Gabaa Dubaay Taraa fi naannoo Bataskaanaa Ragu’eelii manneen daladalaa isaanii humnaan bansiisuuf yaalaaniif hin milkoofneef jedhameera.
Giddugalli gabaa Markaatoo yeroo biraa baay’ina ummataaf bakki dhaabbatan hin jire magaala ummanni keessaa baqate fakkattee callistee akka ooltee himameera.
Mormiin gabaa lagachuu kun gara manneen daldalaa magaala Finfinnee hundatti babal’ataa akka jirus himameera.
Mormiin gabaa lagachuu fi manneen daldalaa cufuu guutuu biyyaatti cimee akka itti fufu ni eegama.
Naannoo Amaaraa Gojjaamiitti mormiin gabaa lagachuu kan jalqabeera.Daldalaan beekamoon tokkoo waan hidhamaniif mormiin kun sadarkaa amma irra jiru caalaa cimuu mala jedhameera.
Mormiin kun magaaloota Moxaa fi Bichanaatti kan jalqabe yoo ta’u manneen daldalaa fi Kuusaa hundi cufamaniiru.
Magaaloota gurguddoo naanniichaa Bahiir-Daarii fi Dabramarqoosiitti waraqaan mormii gabaa lagachuu akka maxxanfame gabaafameera.
Mootummaan Itoophiyaa mormiin dandaltoota magaalaa Amboo fi Walisootti jalqabamee amma naannoo masaraa biyyooleessa gahee kanaaf deebiin kenne hin jiru.
Hogganaan Abbaa Taayitaa Galiiwwaanii fi Gumuruukii Itoophiyaa obbo Kabbadaa Caanee kanan duraa tilmaamni gibira galii guyyaa akka hafe himanii turan.
Guyyoota muraasan booda immoo tilmaamni gibiraa galii guyyaa hafe oduun jedhu sobaa jedhaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa igamasatiin, guyyaan kaffaltii tilmaama gibira galii hanga Hagayyaa 15tti akka dheerefame beeksiseera.
Mormiin gabaa lagachuu magaaloota Oromiyaattoi jalqabame kun gara sadarkaa biyyaaleessatti akka guddate himama jira.