Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii hojiilee hin hojjane akka waan hojjate fakkeessuun gabaasa raawwii hojii akka dhiyeessu Miseensoonni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa dubbataniiru.
Hojiilee hin hojjane waan hojjataman fakkeessanii dhiyeessun akka odeeffannoo dogongooratti ilaallamu qaba jechuun Miseensoonni Koree Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Mana Mariichaa himaniiru
Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii humna isaatii ol pirojektoota gurguddoo fudhachuun waggoota hedduuf lafarra harkisuu fi haala sirna faayinansii hordofuu dhiisuun maallaqaa mancaasaa akka jiru miseensoonni Mana Mariichaa himaniiru
Kana malees, dhaabbilee mootummaa abbaa pirojektoota ta’an wajjiin walitti dhufeenya gaarii uumuu dadhabuun rakkoo Koorpereeshiniichaa akka ta’ees beeksisaniiru.
Qamoolee adda addaa rakkoo kana akka furuuf itti himaniis Koorpereeshiniichii fooyyeessuuf fedhii akka hin qabne miseensoonni Koree dhaabbiilee misoomaa Mootummaa dubbataniiru.
Koorporeeshiniichi hoggansa dandeettii fi gahuumsa qabu waan hin qabneef itti gaafatamuu akka qabu miseensoonni mana mariichaa beeksisaaniiru
Pirojektii Shukkaraa Xaanaa Balaas lakkofsa 2 dhibbeenta 25 irra akka gahe osoo beekamu Jeneraloonni waayyaannee gabaasa sobaa dhibbeenta 57 raawwatame jedhanii dhiyeessuun akka fakkeenyaatti ka’eera.
Warshaa Xaa’oo Yaayyoo raawwiin hojii dhibeenta 46 qofti raawwatamee osoo jiru Jeneraloonni Waayyaannee Koorpereeshiniichaa olantummaan bulchaan dhibeenta 60n raawwatame jechuun gabaasa sobaa dhiyeessaniiru.
Akkasumas Koorporeeshinnichi Warshaan Shukkaraa Oomoo kuraaz tokkoffaa xumurusaa himeera
Yaa ta’u malee abbaan Pirojektiichaa Koorporeeshiniin Shukkaraa Itoophiyaa Ijaarsi Pirojektii kana dhibbeenta 94 gadi akka ta’e beeksiseera.
Hogganaan Koorporeeshiniin Sibiilaa fi Injinariingii Mejaar Jeneraal Kinfaa Daanyaaw gamasantiin, dandeetti fi gahuumsa dhabuu hoggansaa ilaalchisee misoomaa biyyaatiif kufaa fi wareegamaa hojjanna jechuun deebii wal hin fakkanne deebisaniiru.
Warrii walkomachaa jiran kun miseensa dhaaba siyaasa tokkoo yemuu ta’an, fuulleeti bahanii walhimachuun kun waldhabiinsaf wal amantaa dhabu sirnna biyya bitaa jiru sana keessa jiru akka agarsisuu dubbatama jira.