Qaala’iinsi Gatii kun ji’a Caamsaa keessaas akkuma ji’oota darbanii hunda dabaluusaa Ejansiin Istaatiistiiksii Itoophiyaa gabaasa tibbaana baaseen beeksiseera.
Akka gabaasa Ejansichaatti daballiin gatii Oomishaalee adda addaa kun kan bara darbe yeroo walfakkaatu wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu gargarummaa dhibbeentaa 7.1 qaba
Dabaluun gatii kun Ji’oottan 12n keessatti oomishaalee nyaata hin taane irratti dhibbeentaa 7.2 irra akka gahee gabaasa Ejansichaa irra hubatameera.
Gatiin oomishaalee qonnaa kan akka xaafii, qamadii, misingaa fi Garbuu waan dabaleef qaala’iinsi gatii oomishaalee qonnaa akka dabaluuf gumaachuun himameera
Gama biraan immoo gatiin Oomishaalee Kudraa fi mudraa moose dabalatee oomishaalee hundeen isaanii nyaatamu fi Bunni xiqqoo hir’atee akka ture Ejansiin Ejansiin Istaatiistiiksii Itoophiyaa gabaaseera.
Oomishaalee nyaata hin taanerratti ji’a Caamsaa keessa gatiin dabalame kan bara darbee yeroo walfakkaatu wajjiin yoo ilaallamu dhibbeentaa 4.7 ni caala jedhameera.
Kanaaf immo akka sababaatti kan dhiyaatee Gatiin uffataa , kophee, meeshaalee manaa fi faayaa waan dabaleef akka ta’e gabaafameera.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa Diinagdeen biyyaatti waggoottan darban walitti aansuun dachaa laman guddachaa akka jiru ni dubbatu.
Lammiileen biyyaatti garuu gamoowwaan magaala Finfinnee keessatti ijaaraman qofa ilaalun diinagdeen biyyaatti guddate jechuun faallaa dhugaa qabatama lafa irra jiru akka ta’e himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa irra caalaan yeroo ammaa midhaan nyaata bitachuun humna ol akka itti ta’e dubbataniiru.
Gatiin Midhaan nyaata yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef maatiin harka qaleeyyii magaalaa Finfinnee keessa jiraatan baay’een rakkoo midhaan nyaata guddaaf akka saaxilaman ragaaleen ni mul’isu.
Sababa hanqina nyaata wajjiin walqabateen manneen barnoota Magaala Finfinnee dabalatee bakka birootti daa’immaan barnoota isaanii addan kutuuf akka dirqaman himameera.
Dabaluun gatii Oomishaalee nyaataa ji’oota sadeen dhufan keessa dachaan dabaluu akka danda’u himama jira.
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 7.8 sababa hogeetiin gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaaf saxilamanii akka jiran ni yaadatama.