Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa liqii Abbootii Qabeenyaa Oomisha qonnaa irratti bobba’aniif kennamu dhaabuusaa

himame.

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Oomisha damee qonnaa irratti bobba’aniif liqiin akka hin kennamne qajeelfamni baase abbootii qabeenyaa maallaqa liqeeffachuuf qophiirra jiran akka miidhu himameera.

Baankichi ji’a tokkoon dura abbootiin qabeenyaa liqii barbaadan gaaffii isaanii Baankii Misooma Itoophiyaaf dhiyeessuu akka danda’an beeksisuun isaa kan yaadatamuudha.

Haa ta’u malee, abbootiin qabeenyaa baay’een liqii gaafatanii eegaa turan tarkaanfii fudhatameen rakkoon irra gahee akka ture gabaafameera.

Abbootiin qabeenyaa naannolee Amaaraa, Affaar, Beenishangul -Gumuz, Gaambeellaa , Oromiyaa fi Tigraayitti Oomisha damee qonnaa irratti bobba’an gaaffii liqii maallaqa baankii misooma Itoophiyaaf akka dhiyeessan itti himameera.

Tarkaanfiin kun yeroodhaaf akka ta’e himamus ogeessonni baankichaa garuu murtiin kun itti fufiinsaan hojii irra akka ooluuf qaama dhimmi ilaaluu wajjin mari’atamaa akka jiru himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa gaaffii liqii dhiyeessanii deebii eegaa jiran baankichi rakkoo isaanii hubachuun haala adda ta’een akka isaanii eyyamu gaafatanis deebii argachuu hin dandeenye jedhameera.

Abbootiin qabeenyaa kunniin baankii misooma Itoophiyaatiif bifa haaraan gaaffii liqii kan dhiyeessan yoo ta’e, adeemsi isaa ji’oota jaha waan fudhatuuf hojii isaaniirratti rakkoo akka fidu dubbataniiru.

Qajeelfamni haaraan kun abbootii qabeenyaatti bitaa akka itti gale ogeessonni diinagdee himaniiru.

Baankiin Misooma Itoophiyaa liqii abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa naannoo Gaambeellaa keessatti hojii invastimantii qonnaa irratti bobba’aniif kenneen kisaaraan birrii biiliyoonatti lakkaawamu akka irra gahe kan yaadatamuudha.