Interpirayiziin Geejjiiba fi Lojistikisii Gaalaanaa Itoophiyaa sababa hanqina sharafa alaa biyyaatti mudateen ji’oota saglan darban meeshaalee alaa gara biyyaa keessa galan hanga karorfateen geejjeebsiisuu akka hin dandeenye beeksiiseera.
Daldaltoonni meeshaalee biyyaa alaatii fidaan sharafa biyyaa alaa gahaa waan hin arganeef fi dameen Lojistiksii addunyaa laafaa waan dhufeef hanga karorfame raawwachuu akka hin dandeenye Interpirayiziichi gabaasa dhiyeesseen beeksiseera
Interpirayiziin kun ji’oota saglaan darbaan meeshaalee biyyoota alaatii gara biyyaa keessa galan geejjebsisuun birrii biiliyoona 14 .3 walitti qabuuf karoorfate ture.
Maallaqa argachuuf karoorfate keessa garuu birrii biiliyoona 11.8 qofa milkeessuu akka danda’e gaazeexxaan Ripportaar Jedhamu gabaaseera.
Bara bajeeta kana keessa daldaltoonni sharafa biyyaa alaa gahaa argachuu akka hin dandenye abootiin qabeenyaa damee Lojistiksii irratti bobba’an dubbataniiru.
Kana malees dooniiwwaan baay’een hojii waan jalqabaniif hojii wal saamuun akka jiru himaniiru. Dooniiwaan baay’een hojii waan jalqabaniif gatiin meeshaalee geejjeebsisuu akka hir’atees dubbataniiru.
Interpirayiziin Geejjiiba fi Lojistikisii Gaalaanaa Itoophiyaa dooniwwaan qabu 11 fi kan bira kireeffachuun buufatoota doonii adduunyaa 309 irra meeshaalee akka geejjeebsisuu himameera.
Interpirayiziichi akkuma dameewwan diinagdee biyyaatti biroo sababa hanqina sharafa alaa biyyaatti mudateen karooraa gadii raawwachaa jira.
Mormii Ummataa Oromoo waggaa tokkoo ol tureef kan naannoo Amaaraa wajjiin walqabate mootummaan labsii yeroo hatattamaa waan labsabeef diinagdeen biyyaatti akka laafee gabaafama turera .
Hanqinni sharafa alaa bara kana keessa biyyaatti mudate irra caalaa diinagdee biyyaatti mootummaan wagga waggaan harka laman guddate jedhe hawaasa addunyaa sobaa ture irra caalaa akka laamisha’u gochuusa ogeessoonni diinagdee beeksisaniiru.