Gargaarsi haawasni addunyaa biyyaattiif kennu yeroon waan hin qaqqabneef naannoo ummattoota kibbaatti ogeessoota fayyaa bobbaasuun akka hin danda’amne dhaabbatich himeera . Balaan hoongee kuniis kan yeroo kamuu caalaa yaadeessa akka ta’e dhaabbatich beeksiiseera
Dhaabbanni Mootummoota gamtomaanii fi Mootummaan Itoophiyaa ji’a laman dura balaa hongee kan damdamachuuf gargaarsa dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatuuf hawaasa addunyaatiif waamicha deeggarsaa dhiyeessaniis deebii qubsaa argachuu hin dandeenye jedhameera.
Gargaarsi barbaadamu argamuu waan hin dandenyeef yeroo amma namoonni gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilaman gargaarsa argachuu hin dandeenye jedhameera. Dhiyeessii Midhaan nyaata lammiilee balaa hoongeef saaxilamaniif dhiyeeffamaa jiru yeroo dhiyoo keessatti dhumu akka danda’u Rooyitariis gabaaseera.
Yeroo amma dhiyeessi gargaarsa fi fedhiin wal gitaa akka hin jire dhaabbanni Mootummoota gamtomaanii beeksiiseera. Keessattu hanqinni dhiyeessi midhaan nyaata naannoo Sumaalee keessa jiru yaadeessadha jedheera
Lammiilee gargaarsaaf saaxilaman kanniin guyya guyyaan nyaata dhiyeessuu yoo hin danda’amne, yeroo nammoonni gargaaraman damdachuuf itti fudhatu harka sadiin akka dabaluu himameera.
Balaa Hoongee naannoo Oromiyaa, Affaar, Sumaalee fi Ummattoota Kibbaa keessatti ji’oota muraasaan dura qaqqabeen namoonni miiliyoona 5.6 gargaarsa midhaan nyaata yeroo hatattaamatiif saaxilamaniiru.
Karaa biraatin,
waggoota 25 keessatti lammiileen sumaliiyaa sababa hoongee cimaa irra kan ka’ee yeroo sadaffaaf balaa beelaaf akka saaxilaman beekameera. Balaan beelaa bara 2011 biyyaatti qaqqabeen lammiileen biyyaatti kuma 200 fi kuma 60 dhiyaatan akka du’aan Aljeziiraan gabaaseera.
Balaan hoongee lammiilee biyyaatti miiliyoona 6.2 beelaaf saaxilee kun deebii hatattaama furmaata kan hin argannee yoo ta’ee, miidhaan isaa guddaa akka ta’u dhaabbanni Fayyaa Addunyaa torbe darbee akeekkachiiseera
Dhaabbiileen dhaabbata mootummoota gamtoomaanii lammiilee biyyaatti balaa beelaaf saxilaman gargaara jirataniis sodaa garee Al-Sheebaab irra kan ka’e kutaalee biyyaatti hunda gahuu hin dandeenye jedhameera.
Lakkofsi Daa’immaan Sumaliiyaa hanqina nyaata madalawaaf saaxilamanii xumura waggaa kanaatti dachaan dabaluu akka danda’u UNICEF beeksiiseera. Yeroo ammas daa’immaan kuma 100 fi kumni 85 gargaarsa lubbuu bararuu akka isaan barbachiisu UNICEF beeksiiseera.
Oduu walfakkatuun, lammiileen Keeniyaa balaa hoongeetiin beelladoota isaanii dhabaa jiru jedhameera.
Aadee Lookoo Kalichaa Junnoa jiraatuu ganda Bandarero dhiyeenya magaalaa Moyaalee daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaatti. Aadee LookoonBelladoota isaanii 10 balaa beelaa fi dheebuutiin akka jala hin duuneef yaalaa turaniiruu. Garuu lubbuu beelladoota isaanii tokkolee baraaruu akka hin dandeenya garee dhaabbata gargaarsa mootummoota gamtooman naannichaa dawwateetti himaniiru.
Manguddoon waggaa 64 fi haati ijoollee 4 aadee Lookoon, bishaan amma naannoo isaanii jiru yoo goggoge yookan dhume lubbuu isaaniif akka soodachiisuu himaniiru.
Mootummaan Keeniyaa balaa hoongee wadhakaa kutaalee biyyaatti miidhaa jiru kun balaa biyyooleessa jechuun labseera
Horsiisee Bultoonni Keeniyaa yeroo amma beelladoota isaanii balaa hoongeetiin akka jala hin duneef gurgurachaa jiraniis daldaltoonni garuu carraa kanaatti fayyadamuun gaatii akka malee gadii buusuun irra bitaa jiru jedhameera.
Sa’aa duraan dolaarii 150 gurguramuu yeroo ammaa dolaarii 20 gurgurama akka jiru himameera. Re’een duraanii dolaarii 35 gurguramaa turte amma dolaarii 2 gurguramaa jirachuun beekameera.
Balaan hoongee cimaan kun rokkoo hawaasummaa biroo osoo hin fidne hawaasni addunyaa gargaaru akka qabu hogganaan Garee Gargaarasa dhaabbata mootummoota gamtomaanii Stephen O’Brien ganda Bandarerobulchiinsa Marsabit keessatti argamtu erga daawwatanii booda waamicha dhiyeessaniiru.
Lammiileen Keeniiyaa miiliyoona lamaa fi kmni dhibbaa torba yeroo ammaa midhaan nyaataa gahaa akka hin qabne O’Brien beeksiisaniiru
Bulchiinsa Biyyaatti kurnaan balaa hoongee kann midhaaman keessaatti jalqaba waggaa irratti Daa’immaan kuma 100 fi kumni 80tti tilmamaan barnoota isaanii giduutti akka addaan kutaan Keeniyaatti Darkiteeriin UNICEF Werner Schultink himaniiru
Daa’immaan kuma 100 ol hanqina nyaata madalawaa dhabuu wajjiin walqabatee waldhaansa isaan barbaachiisuu akka danda’u dhaabbatich tilmaameera